Oromo Kitaaba Woyyicha
|
| 1 |
| Ee Mootii Waan Maraa, daadimata kiyya dhage'i; gurri keeti iyya tiyya caqasuu ti; addatamumma'aa fi balchummaa teetiin deebii naaf kenni. |
| 2 |
| Si duratti nami balchaan waan hin jirreef, ana tajaajilaa keeti mura'atti hin dhikeessin. |
| 3 |
| Diinni kiyya na ari'iisatti jira; lafatti na butuchee, akka worra bara dheera'aan dura du'ee, dukkana keessa akka tee'u na godhe. |
| 4 |
| Maarre ani addii kutatiisa geyeera; gadhaa kiyya keessatti sodaadheera. |
| 5 |
| Waan bara durii te'e hin qaabadha; waan ati goote mara itti deddeebi'ee hin yaada; waan harki keeti huje hin herrega. |
| 6 |
| Ani harka kiyya gara keeti badhisa; akka lafa goddee, lubbuun tiyya si dheebotti. |
| 7 |
| Ee Mootii Waan Maraa, ani addii kutatiisa geyeera; ariifadhuu deebii naa kenni; yookiin ani akka worra gara boollaa gad bu'uu hin te'a; fuula keeti na duraa hin dhoffatin. |
| 8 |
| Ani waan si addadhuuf, ganama ganama bari'iin jaalala keeti ka bara baraa natti lallabi. Lubbuun tiyya gara keeti waan yaadduuf, karaa ani irra deemu'uu male na barsiisi. |
| 9 |
| Ani gara keeti waan baqadheef, Ee Mootii Waan Maraa, diinota kiyya jalaa na baasi. |
| 10 |
| Ati Waaqa kiyya waan teeteef, fedhii teeti akka muummessu na barsiisi. Ayyaanni keeti dansaan daandii qajeelaa irra na sooressuu ti. |
| 11 |
| Ee Mootii Waan Maraa, maqaa keetiif jedhiitii, lubbuu tiyya jiraachisi; balchummaa teetiin rakkinna keessaa na baasi. |
| 12 |
| Jaalala keeti ka bara baraatiin, diinota kiyya fixi; ani tajaajilaa keeti waan te'eef, nyaaphota na rakkisu mara balleessi. |
| Hubachiisa Qusadhu |
https://beblia.bible:81/BibleAudio/oromoguj/psalms/143.mp3
150
143