|
| 1 |
|
| Ee Mootii Waan Maraa, worra natti ka'u irratti ka'i; worra na lolu loli. |
|
| 2 |
|
| Wontee teetii fi meya lolaa keeti fudhadhuu na qarqaariisaaf koy. |
|
| 3 |
|
| Worra na ari'utti ebo'oo fi urdee teeti fudhadhuutii, lubbuu tiyyaan, «Ani fayyisaa keeti» jedhi. |
|
| 4 |
|
| Worri na ijjeesiisaaf barbaadu fokkifatee qaanowuu ti. Worri mala natti dhowu gara duubaa deebi'ee salphatuu ti. |
|
| 5 |
|
| Ergamaan Waaqaa isaan ari'uun, akka huura qilleensi afuufuu te'anuu ti. |
|
| 6 |
|
| Ergamaan Mootii Waan Maraa isaan ari'uun karaan isaanii dukkanaa fi mucucoo te'uu ti. |
|
| 7 |
|
| Isaan sababa tokko malee tiyyoo dhossa'aan naaf afanee, na qabiisaaf boolla qotaneeran. |
|
| 8 |
|
| Adoo hin beekin badiin isaan irratti dhuttuu ti. Tiyyoon isaan dhossane isaanuma qadduu ti; Boolla qotane keessa bu'anee badanuu ti. |
|
| 9 |
|
| Lubbuun tiyya Mootii Waan Maraatiin hin gammaddi; fayyisiisa isaatiin gammaddee firinxiixxi. |
|
| 10 |
|
| Gadhaa kiyya tokkochaan, «Ee Mootii Waan Maraa, dadhaboolee worra guddoo jajjabaa harkaa, dadhaboole'ee fi hiyyeeyyiille saantota harkaa ka baasu ka akka keetii eennu?» jedha. |
|
| 11 |
|
| Dhugaa baatoti dharaa natti ka'ane; marroo waan ani hin beennee na gaafatane. |
|
| 12 |
|
| Qofi-galeessa na godhanee waan dansaa ani godheef, hantuu naaf deebisane. |
|
| 13 |
|
| Ani ammoo yennaa isaan dhibamane, woyaa gaddaa uffadhe; laamiisaan ifi rakkise; daadimati kiyyalle deebii dhabee, |
|
| 14 |
|
| akka waan jaalaaf yookiin obboleessaaf gadduutitti gadde; akka nama haadha ifiitiif bowuu, mataa gad qabadhee bowe. |
|
| 15 |
|
| Yennaa ani gufadhe ammoo, isaan gammadane; dedhuma dhufanee sababa malee arrabaan na kukkutane. |
|
| 16 |
|
| Akkuma worri Waaqa malee le'u godhu, natti murgane; ilkaan natti ciniinnatane. |
|
| 17 |
|
| Ee Gootta'a, haga yoomii cadhittee na ilaalta? Worra na miidhu, ka akka neenqaa kana jalaa na baasi. |
|
| 18 |
|
| Achiin duuba ani kolbaa teeti keessatti si hin galateeffadha; kolbaa bacaa keessatti si hin leellifadha. |
|
| 19 |
|
| Worri akkasumaan diina natti te'u, natti hin gammadin; worri akkasumaan na jibbu na irratti ilaan wolitti hin qiphifatin. |
|
| 20 |
|
| Isaan dubbii nageyaa hin dubbatanu; worra biyya keessa nageyaan le'u irratti dubbii dharaa yaadanee qopheessan. |
|
| 21 |
|
| Isaan, «Baga waan ati hujje dhaggine!» jedhaa, afaan natti banan. |
|
| 22 |
|
| Ee Mootii Waan Maraa, ati tana dhaggiteerta, hin cadhisin! Ee Gootta'a, na irraa hin fagaatin! |
|
| 23 |
|
| Ee Gootta'a, Waaqa kiyya dammaqi! Na irraa dhooggiisaaf ka'i! Haajaa kiyyaaf loli. |
|
| 24 |
|
| Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa kiyya, balchummaa teetiin naaf muri; diinoti kiyya natti hin gammadin. |
|
| 25 |
|
| Isaan, «Halchaa gadhaa keennaa baga dhagganne! Nuuti ijjumaa isa balleessineerra» hin jedhin. |
|
| 26 |
|
| Worri rakkinna kiyyatti gammadu marti fokkifatanee qaanowanuu ti; worri na irratti ifi saadu marti fokko'oo fi salphinna uffatuu ti. |
|
| 27 |
|
| Worri muraa haqaa dhaggatiisa kiyyatti gammadu marti gammadaan ilillisanuu ti; isaan «Mootiin Waan Maraa gudda'a! Inni yennaa tajaajilaan nageya dhaggatu hin gammada!» jedhanuu ti. |
|
| 28 |
|
| Arrabi kiyya balchummaa teetii dubbataa, guyyaa guutuu si hin leellisa. |
|
|
|
|