Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Atii fi kolbaan ati biyya Gibxi'ii keessaa baatte, gara lafa ani, ‹Sanyii teetiif hin kenna› jedhee, Abrahaamiif, Yisihaqii fi Yaaqoobiif kaku'uun waadaa gale sanii deema'a.
Gara lafa aananii fi dammaa san deema'a. Isin kolbaa mataa jabaattu waan teetaneef, karaa irratti akka isin hin balleessineef, ani isin woliin hin deemu» jedhe.
Muuseen Dunkaanii san fuudhee addee quttumaatiin ala irraa fageessee dhaabee, «Dunkaanii Woldeenna'aa» jedhee moggaase. Nami Mootii Waan Maraa wo gaafatuu barbaadu marti gara Dunkaanii Woldeenna'aa ta addee quttumaatiin ala jirtu san dhaqa.
Ani si biratti yoo fudhatama qabaadhe, akka si beeku, yennaa mara si biratti fudhatama qabaadhu karaa keeti na barsiisi. Kolbaan tunille kolbaa teeti akka teete qaabadhu» jedhe.
Ati yoo nu woliin hin ideemin, anii fi kolbaan teeti si biratti fudhatama akka qannu nami attam beeka ree? Ati nu woliin yoo hin jiraatin, anaa fi kolbaa teeti, kolbaa biyya lafaa ta dhibii irraa wonni nu adda godhu maan ree?» jedhe
Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ati na biratti fudhatma waan qadduuf, maqaa keetille'een waan si beekuuf, waan ati na gaafatte kana mara si'iif hin godha» jedhe.
Mootiin Waan Maraa deebisee, «Dansummaa tiyya mara si'iin dura hin dabarsa; ani maqaa kiyya, Mootii Waan Maraa si biratti hin lallaba. Ani namuma mararfadhu, hin mararfadha; namuma itti gadhaa laafuuf, gadhaa hin laafaaf.