|
| 1 |
|
| Ani akka daraaraa lafa Sharoniitii fi akka daraaraa dhooqa keessaa ti. |
|
| 2 |
|
| Jaalalleen tiyya dubartoota oddu'utti akka daraaraa qoree odduu jiruu ti. |
|
| 3 |
|
| Jaalalleen kiyya dargaggoota oddu'utti, akka muka appili'ii ka baddaa keessa jiruu ti. Ani gaaddisa isaa jala tee'iisatti hin gammada; midhaan isaalle afaan kiyyatti hin mi'owa. |
|
| 4 |
|
| Inni gara mana gammadaa na geesse; beessisi jaalala isaa na irra jira. |
|
| 5 |
|
| Ani jaalala isaatiin qabame waan gaggabeef, midhaan woyni'ii nyaachisa'aatii na jabeessa'a; midhaan muka appili'iitiin na gammachiisa'a. |
|
| 6 |
|
| Harki isaa bitaachi mataa kiyya jala adoo jiraataa; harki isaa middichi adoo na hanqafataa. |
|
| 7 |
|
| Ee dubartoota Yerusaalemii, haga inni fedhuma ifiitiin ka'utti, jaalallee kiyya tirtirsitanee akka hin dammassine, ani maqaa jilibaa yookiin gadansa badda'aatiin, isin magannifadha. |
|
| 8 |
|
| Kunoo, jaalalleen kiyya, gaarota irra u'utaalaa, koobota irra burraaqaa dhufuun qoonqoo dhage'a. |
|
| 9 |
|
| Jaalalleen kiyya jilibaa yookiin ilmoolee gadansaa fakkaata. Kunoo inni dalleya mana keennaa duuba dhaabbata; qowa dalleyaatiin, fodda'aan gara keessaa ilaaliisatti jira. |
|
| 10 |
|
| Jaalalleen kiyya natti dubbatee, «Jaalallee tiyya, dansittii tiyya! Koy, woliin ideenna. |
|
| 11 |
|
| Kunoo, ganni dabareera; bokkeenni roobuu lakkisee caameera. |
|
| 12 |
|
| Daraaraan baquu jalqabeera; yennaan faaruu faarfatanu geetteerti; qoonqoon saphaliisaa lafa teenna keessatti dhage'anteerti. |
|
| 13 |
|
| Harruun midhaanotteerti; woyniille daraartee uddootteerti. Jaalallee tiyya, dansittii tiyya! Ka'i, woliin ideenna» naan jedhe. |
|
| 14 |
|
| Ee, saphaliisa tiyya, ta holla dhakaa keessaa, ta addee dhokata gaara keessaa, fuula keeti natti mudhisi; qoonqoo teeti na dhageessis; qoonqoon teeti natti tolti; fuulli keeti natti miidhaga. |
|
| 15 |
|
| Jeedalootaa fi ilmoolee jeedalootaa worra woynii teenna ta daraariisatti jirtu nu duraa balleessu, nuu qaba'a. |
|
| 16 |
|
| Jaalalleen kiyya, kiyyuma; anille ta isaa ti; inni daraaraa dansaa keessa horii tissa. |
|
| 17 |
|
| Ee jaalallee kiyya! Adoo boruun hin dayya'in, aduun adoo hin bayin, akka jiliba'aa yookiin akka ilmoolee gadansaa, gaara bu'aa bayii qabu irra utaalaa gara kiyya koy. |
|
|
|
|