|
| 1 |
|
| Jaalallee tiyya, ati attam attam dansitti'i! Ee, ati attam attam dansitti'i! Ilti teeti shaashii ati hagooggattu keessaa, akka ila saphaliisaa kuulle'e; rifeensi mataa keetii re'oota gaara Giil'aadii irraa gad yaa'anu fakkaata. |
|
| 2 |
|
| Ilkaan keeti akka hoolota adii yennaa rifeensi isaanii muramu nafi isaanii dhiqamee bisaan keessaa bayanuu ti; hooloti tun martinuu lakkuu dhalti; maseenti takkaalle isaan keessa hin jirtu. |
|
| 3 |
|
| Hidhiin teeti haarrii diintuu fakkaatti; haasonni keeti namatti tola. Mallaan teeti shaashii ati hagooggattu keessaa, midhaan rumaanii ka gargar baqaqe fakkaata. |
|
| 4 |
|
| Mormi keeti xelleephoo Daawitii, ta wonteen gugurdoon kum tokko, wonteen goototaa martinuu itti fannifamanu fakkaata. |
|
| 5 |
|
| Harmi keeti lamaanuu jilibaa ilmoolee, lakkuu jilibaa ilmoole'ee, ta daraaraa keessa dheeddu fakkaata. |
|
| 6 |
|
| Adoo boruun hin dayya'in, aduun adoo hin bayin, ani gara gaara qumbi'iitii fi gara kooba hixaanaa hin dhaqa. |
|
| 7 |
|
| Jaalallee tiyya, ati attam attam dansitti'i! Womaa dhidhinna hin qaddu. |
|
| 8 |
|
| Waajibittii tiyya, Libaanon irraa gara kiyya koy! Libaanon irraa gara kiyya koy! Qaccee gaara Amaanaa irraa, qaccee gaara Siinaariitii fi Hermoonii, goda neenqaa, koobota qeeransaa irralle gad bu'i. |
|
| 9 |
|
| Obboleettii tiyya, waajibittii tiyya! Ati midhuu teeti takkatti'iin, dirata morma keetiitiin qalbii tiyya boojite. |
|
| 10 |
|
| Obboleettii tiyya, waajibittii tiyya! Jaalalli keeti attam attam nama gammachiisa! daadhii woyni'ii caalaa attam attam gabbi nama godha! Fooleen fiqiree teetii uddowaa mara caalti. |
|
| 11 |
|
| Waajibittii tiyya! Hidhiin teeti akka dhaaba dammaa nadhii coccossiti; aananii fi dammi arraba keeti jala jiran; fooleen woyaa teetii akka foolee hindheensa Libaanonii ti. |
|
| 12 |
|
| Obboleettii tiyya, waajibittii tiyya! Ati akka oorruu itti ijaaramee ti; akka madda dalleyaan marfameetii fi akka burqaa cuqqaalamee ti. |
|
| 13 |
|
| Ati akka oorruu muka rumaanii, ka midhaan dansaa buusu, ka daraaraan uddowuu fi biqiltuun naardoosii achi keessa jiranuu ti. |
|
| 14 |
|
| Muki Naardoosii, biqiltuun uddoottu, marri uddowu, qarafaan, muki hixaanaa, muki qumbi'ii, daraaraan hargiisaatii fi uddowaan dansaan adda addaa marti achi keessa jiran. |
|
| 15 |
|
| Ati akka burqaa bisaan addee oorru'uu, ka boolla keessaa yaa'u, bisaan gaara Libaanoniitii gad yaa'uu ti. |
|
| 16 |
|
| Ee, qilleensa kaabaa dammaqi! Ee, qilleensa kibbaa koy! Oorruu tiyyatti qilleensi; fooleen isi'ii uddoottuun fiqittuu ti. Jaalalleen kiyya gara oorruu ifii dhufee midhaan oorruu ifii dansaa nyaatuu ti. |
|
|
|
|