Mootiin Waan Maraa, «Abbootiin teessan ta durii balleessaa maanii na irratti dhagganee, na irraa fagaatanee, waaqota dharaa ka gatii hin qanne waaqonfatanee, ifille'eef worra gatii hin qanne te'ane?
Isaan, ‹Waaqi biyya Gibxi'ii keessaa nu baasee, lafa goomolee keessa, lafa boboollittii keessaa fi gammoojjii keessa, lafa goddu'uu fi dukkana dimma keessa, lafa nami keessa hin ideennee fi lafa nami keessa hin leene keessa ka nu sooresse eessa jira?› jedhanee hin gaafanne.
Hayyooti, ‹Mootiin Waan Maraa eessa jira?› jedhanee hin gaafanne; barsiisoti seeraa na hin beenne; sooressitooti na irratti ka'ane; raagoti maqaa ba'aaliitiin raaganee, waaqota dharaa ka gatii hin qanne hordofane.
Tanaan qara wonni akkasii yoo teetee jiraatte, gara lafa Qophiroosii ta dur, ‹Kiitiim› jedhantuu gamatti bu'a'aatii ilaala'a; gara lafa, ‹Qedaar› jedhantuulle nama erga'aatii qorqora'a.
«Ee Israa'el! Ani bara duriitii jalqabee waanjoo teeti si irraa caccassee, hidhaa teeti si irraa kukkuteera; ati ammoo, ‹Ani si hin tajaajilu!› jettee, kooba dheertuu gubba'aa fi muka banqaaqaa jalatti sagaagaliisaaf irkatteerta.
Ani akka muka woyni'ii filatamaa ka sanyiin isaa dansa'aa si dhaabeeyyu; ati attam akka muka woyni'ii badaa, ka baddaa keessaa teetee, na duraa jijjiirante ree?
Ati haga kopheen miila keeti irraa dhumattutti, haga dheebottee laagadaan si gogutti hin rukkisin; ati ammoo, ‹Na dhooggiis keeti gatii hin qabu; ani waaqota ormaa jaaladheera; ani isaan hordofa› jette.
Worra ati itti addatte Mootiin Waan Maraa waan tuffateef, isaanille si qarqaaruu waan hin dandeenneef, ati mataa qabattee, achii keessaa hin baata» jedha.