×

Oromo Kitaaba Woyyicha

Ezekieli 2

1
Inni anaan, «Ilma namaa! Ka'iitii miila keetiin dhaabbadhu; anille si woliin hin dubbadha» jedhe.
2
Yennaa inni natti dubbate, Ayyaanni Waaqaa na keessa seenee miila kiyyaan na dhaabbachiisee, natti dubbatuun dhage'e.
3
Inni anaan, «Ilma namaa! Ani gara kolbaa Israa'elii worra finqilaa na irratti finqila kaasee si hin erga; abbootiin isaaniitii fi isaan haga adhaa na irratti cubbuu hujaneeran.
4
Isaan worra morkatuu fi worra mataa jabaatu; tanaaf ani gara isaanii si ergaaraa, ati, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa akkana jedha› jedhiin;
5
isaan worri finqilaan sun yoo dhage'anelle yookiin yoo dhage'uu didanelle, raagaan tokko akka odduu isaanii jiru hin beekan.
6
Atille ilma namaa! Isaanii fi jecha isaaniille hin sodaatin; qore'ee fi qumi'uuduu woliin jiraatanulle, makka irra yoo teettelle hin sodaatin. Isaan worra finqilaa waan te'aneef, ati waan isaan siin jedhanu hin sodaatin; isaan si hin rifachiisin.
7
Isaan worra finqilaa waan te'aneef, yoo dhage'anelle yookiin yoo dhage'uu didanelle, ati jecha kiyya isaanitti dubbadhu.
8
«Ati ammoo ilma namaa! Waan ani siin jedhu dhage'i! Atille akka worra finqilaa sanii hin te'in; afaan keeti banadhuutii, waan ani sii kennu nyaadhu» jedhe.
9
Ani yennaa ilaale, harki tokko gara kiyya diriiruun dhagge; harka san keessa kitaaba maramaa tokkotti jiraayyu.
10
Harki sun kitaaba maramaa san na duratti diriirse. Kitaab sun duraa fi duuballe'een barreeffama qabaayyu; barreeffam irra jiru sun jecha gaddaa, jecha bowaatii fi wiiccifataa ti.
Oromo GUJ Bible
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
:
Hubachiisa Qusadhu