Oromo Kitaaba Woyyicha
|
| 1 |
| Mootiin Waan Maraa Muuse'een, |
| 2 |
| «Ati Aaronii fi ilmaan isaatitti, Israa'eloota maralle'etti, waan ani Mootiin Waan Maraa ajaje kana himi! |
| 3 |
| Isaaniin, ‹Israa'elootaa keessaa nami addee quttumaatitti yookiin addee quttumaatiin alatti dardara, buruusoo korbeessa hoole'ee yookiin re'e'ee qalee, |
| 4 |
| fuula Dunkaanii Woyyittii tiyyaa duratti ana Mootii Waan Maraatiif kennansa gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa yoo hin fidin, nami sun yakkaan dhiiga dhangalaasiisaa itti muramuu ti; inni dhiiga waan dhangalaaseef kolbaa ifii keessaa bawuu ti. |
| 5 |
| Tanaaf kolbaan Israa'elii ciincaa diida keessatti Mootii Waan Maraatiif dhikeessite seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duratti gara hayyichaa fiddi; kennansa dhikaate san hayyichi kennansa tokkumma'aa godhee Mootii Waan Maraatiif dhikeessa. |
| 6 |
| Hayyichi dhiiga san addee ciinca'aa ta seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duraatitti fiffixuu ti; cooma san ka foolee dansaa qabu, ka Mootii Waan Maraa gammachiisu godhee gubuu ti. |
| 7 |
| Haganaa achi kolbaan Israa'elii Mootii Waan Maraatiif addatamuu lakkittee, waaqota dharaa ka fakkii re'e'ee waaqonfatiisaan sagaagaltee, ciincaa hin dhikeessin; kun dhaloota dhufu mara keessatti seerata bara baraa isaaniif te'uu ti› jedhi. |
| 8 |
| «Ati isaaniin, ‹Isin Israa'eloota keessaa yookiin nama ormaa ka isin odduu jiru keessaa nami kennansa gubamu yookiin ciincaa dhibii dhikeessu tokko, |
| 9 |
| Mootii Waan Maraatiif ciincaa gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa yoo hin fidin kolbaa ifii keessaa bawuu ti. |
| 10 |
| « ‹Isin Israa'eloota keessaa yookiin orma isin odduu jiru keessaa nami tokko dhiiga yoo une yookiin foon dhiiga qabu yoo nyaate, ani diina itti hin te'a; nama san kolbaa keessaa hin baasa› jedhi. |
| 11 |
| Lubbuun dada maraa dhiiga keessa waan jirtuuf, gumaa lubbu'uulle ka te'u dhiiga waan te'eef, addee ciinca'aa irratti gumaa lubbuu teessanii akka te'u ani Mootiin Waan Maraa dhiiga isiniif kenneera. |
| 12 |
| Tanaaf ani, ‹Isin kolbaan Israa'elii dhiiga hin unina'a; ormi isin odduu le'ulle dhiiga hin unin› jedhe. |
| 13 |
| «Isin Israa'eloota keessaa yookiin orma isin odduu jiru keessaa nami tokko bineensa yookiin sinbirree nyaatamanu mara keessaa adansee yoo qabate dhiiga keessaa jissee biyye'een golluu ti. |
| 14 |
| Lubbuun dada maraa dhiiga keessa waan jirtuuf, ani kolbaa Israa'eliitiin, ‹Dhiiga dada maraa hin unina'a; nami dhiiga san unu marti kolbaa ifii keessaa bawuu ti. |
| 15 |
| « ‹Isin Israa'eloota keessa yookiin orma isin odduu jiru keessaa foon waan ifiin du'ee yookiin ka bineensi dhibiin qabee ijjeese nami nyaate, woyaa ifii dhiqatuu ti; nafa ifiille dhiqatuu ti; garuu akka aadaa dhugeeffanna'aatitti haga galgalaa battii hin te'a; achiin duuba inni qulqulluu hin te'a. |
| 16 |
| Woyaa ifiitii fi nafa ifiille bisaaniin yoo hin dhiqatin yakkaa ifiitiif itti hin gaafatama› jedhi» jedhe. |
|
| Hubachiisa Qusadhu |
https://beblia.bible:81/BibleAudio/oromoguj/leviticus/017.mp3
27
17