Qachaan Gaaza'aatii fi Ashiqalonii duwwaa hin te'an; kolbaan Ashidoodii orra'aan oofamanee hin bayan, kolbaan Eqroonille qachaa ifii keessaa hin oofaman.
Sanyiin Yihuda'aa baraareen hatte lafa abbaayaa qarqaraa teeti san hin qabatan. Horiin isaanii achi hin dheedan; tissitooti halkan mana worra Ashiqalonii keessa hin bulan. Mootiin Waan Maraa Waaqi isaanii isaaniif hin yaadata; worra isaan duraa booji'amelle isaaniif hin deebisa.
Mootiin Waan Maraa waaqota dharaa ka lafa isaanii mara yennaa balleessu, isaan biratti ka sodaatame hin te'a; gosi biyya adda addaa ta cinaa abbaaya'aatii fi oddoolotaa marti tokko tokkoonuu addee jiranutti isaaf hin sagadan.
Hori'ii fi bineensoti adda addaa achi hin ciisan; urungu'uu fi harraaqessi utubaa isi'ii irra hin bulan; qoonqoon isaaniille karaa foddaa manaatiin hin dhage'ama; karaa balbalaatiin kosiin hin tuulama. Utubaan dareeraa ka hindheensaa duwwaa hin hafa.
Qachaan kun ka nageyaa fi gammadaan le'u; ka ifiin, «Ana malee nami dhibiin hin jiru» jedhee yaade, amma ammoo attamiin addee ona bineensi keessa le'u te'e? Worri karaa san dabaru martinuu, harka ifii ol qabee itti hin murga.