Oromo Kitaaba Woyyicha
|
| 1 |
| Muuseen intala worra Itoophiya'aa waan fuudheef, Miiryaamii fi Aaron isa irratti ka'anee, |
| 2 |
| «Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'ee qofaan dubbateeraa? Inni karaa keennalle'een dubbateeraa motii?» jedhane. Mootiin Waan Maraa waan isaan jedhane dhage'e. |
| 3 |
| Muuseen namoota lafa irra jiranu mara caalaa, gadhi-laafessa. |
| 4 |
| Dedhuma Mootiin Waan Maraa Muuse'een, Aaronii fi Miiryaamiin, «Isin sadiinuu gara Dunkaanii Woldeenna'aa kowaa» jedhe. Maarre isaan sadiinuu dhaqane. |
| 5 |
| Achiin duuba Mootiin Waan Maraa utubaa duumensa keessa gad bu'ee, seensuma dunkaani'ii irra dhaabbatee, Aaronii fi Miiryaam waame. Isaan lamaanuu gara duraa yennaa dhufane, |
| 6 |
| inni isaaniin, «Amma jecha kiyya dhage'a'a! Raagaan tokko odduu teessan yoo jiraate, ani mudhi'iin isatti ifi mudhisa; oojjuulle'een isatti hin dubbadha. |
| 7 |
| Muusee tajaajilaa kiyya woliin ammoo akkas hin dubbadhu; inni mana kiyya mara keessatti addatama'a. |
| 8 |
| Ani isa woliin ifatti, fuula duratti dubbadha malee, hiibbo'oonii moti; inni akka akki kiyya jiruuyyuu hin dhagga! Isin attam tajaajilaa kiyya Muusee irratti dubbatiisa sodaatuu dhaddane?» jedhe. |
| 9 |
| Mootiin Waan Maraa guddoo isaanitti aaree isaan biraa deeme. |
| 10 |
| Yennaa duumensi dunkaanii irraa ka'e, Miiryaamiin dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabantee adii akka dhakaa bokkeyaa teete. Aaron garagalee Miiryaam yennaa ilaale, isiin dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabanteertuun dhagge. |
| 11 |
| Achiin duuba Aaron Muuse'een, «Maganne'e, goottaa kiyya, cubbuu nuuti gowwumma'aan hunye tana nutti hin laakkowin. |
| 12 |
| Akka finna adoo hin dhalatin du'ee, shamiisatti jiruun gadaamessa haadhaa keessaa bayuu, isii hin tolchin» jedhe. |
| 13 |
| Maarre Muuseen gara Mootii Waan Maraa iyyee, «Ee, Waaqa, isii fayyis!» jedhe. |
| 14 |
| Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Abbaan isi'iituu fuula isi'iititti yoo tufe, isiin guyyaa torba hin fokkifattii motii? Maarre isiin guyyaa torba addee quttumaatii baatuu ti; achiin duuba deebi'uu hin dandeetti» jedhe. |
| 15 |
| Maarre Miiryaam addee quttumaatii baatee guyyaa torba turte; haga isiin deebitutti kolbaalle addee quttumaatii hin tachoone. |
| 16 |
| Achiin duuba kolbaan sun Haserootii kaatee goomolee Phaaraanii keessa qubatte. |
|
| Hubachiisa Qusadhu |
https://beblia.bible:81/BibleAudio/oromoguj/numbers/012.mp3
36
12