Oromo Kitaaba Woyyicha
|
| 1 |
| Mootiin Waan Maraa Muuse'een, |
| 2 |
| «Israa'elootatti himiitii, sooressitoota gosa abbootii isaanii ta durii irraa ulee tokko tokko wolumatti ulee kudhanii lama fuudhiitii, ulee nama tokko tokkootuu irratti maqaa isaa barreessi. |
| 3 |
| Sooressi gosa abbootii isaanii ta durii tokko ulee tokko waan qabuuf, ulee gosa Lewwi'ii irratti maqaa Aaronii barreessi. |
| 4 |
| Uloota san fuudhiitii, addee ani si'iin itti wol dhaggu, Dunkaanii Woldeenna'aa keessa Saanduqa Gondooro'oo dura keyi. |
| 5 |
| Achiin duuba uleen nama ani fileeruu hin quunxiti. Akka kanaan gungumiisa Israa'elootaa ta isaan yennaa mara si irratti gungumanu si irraa kuta» jedhe. |
| 6 |
| Maarre Muuseen kanuma Israa'elootatti hime; sooreyyiin gosa Israa'eliille akka gosa gosa ifiititti ulee tokko tokko, wolumatti ulee kudhanii lama isatti kennite; uloota san keessaa takkattiin ulee Aaronii ti. |
| 7 |
| Achiin duuba Muuseen uloota san dunkaanii dhugaa bayaa keessaa Mootii Waan Maraa dura keye. |
| 8 |
| Boruyyaa, Muuseen gara dunkaanii dhugaa bayaa yennaa ol seene, uleen Aaronii ta maqaa gosa Lewwi'iitiin dhikaatte, quunxitee, daraartee, midhaan muka, «Almond» jedhamuu buutteertiiyyu. |
| 9 |
| Achiin duuba Muuseen uloota san mara Mootii Waan Maraa duraa fuudhee Israa'eloota maratti mudhise. Isaan uloota san ilaalanee, sooreyyiin tokko tokkoon isaaniituu ulee ifii fudhatane. |
| 10 |
| Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Worra finqila'aaf beessisa akka teetu, ulee Aaronii Saanduqa Gondooro'oo duratti deebisi. Tun isaan na irratti gungumanee akka hin dhumanne gooti» jedhe. |
| 11 |
| Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje godhe. |
| 12 |
| Achiin duuba Israa'elooti Muuse'een, «Nuuti hin duuna! Nuuti dhumataarra! Marti keennaayyuu badaarra! |
| 13 |
| Nami tokkolle yoo dunkaanii dhugaa bayaa ta Mootii Waan Maraa bira dhufe hin du'a. Marti keennaayyuu dhumannuu tii ree?» jedhane. |
|
| Hubachiisa Qusadhu |
https://beblia.bible:81/BibleAudio/oromoguj/numbers/017.mp3
36
17