Qachooti jaan kun isin Israa'eloota keessaa, alaga'aa fi kolbaa odduu teessan leetu ta dhibii mara keessalle'ee, nama danu'uun nama ijjeeseef addee itti baqattanu hin te'an.
Yookiin nami tokko dhakaa nama ijjeesuu dande'u harkaa qabaatee, nama tokko dhowee yoo ijjeese, nami sun nama dhiigaa ti; nami nama ijjeese sun ijjeefamuu ti.
Yookiin nami tokko muka nama ittiin dhowee ijjeesuu dande'u harkaa qabaatee, nama tokko dhowee yoo ijjeese, nami sun nama nama ijjeese; nami nama ijjeese sun ijjeefamuu ti.
yookiin jibbee harka ifiitiin dhowee nami sun yoo du'e, inni ijjeefamuu ti; nami sun nama dhiigaa ti; nami haluu bayiisaaf barbaadu yennaa nama nama ijjeese san dhagge ijjeesuu ti.
yookiin adoo isa hin dhaggin, dhakaa nama ijjeesuu dande'u itti darbatee nami sun yoo du'e, inni diina isaa waan hin te'iniif, isa miidhiisaafille beekaa waan hin godhiniif,
Wolde'i sun nama nama ijjeesee himatame san nama haluu bayiisaaf barbaadu san irraa dhooggee, gara qachaa inni itti baqatee san isa deebisuu ti. Hayyichi guddaan zayitii woyyitti'iin muudame sun haga du'utti inni achi turuu qaba.
Nami nama ijjeese sun haga hayyichi guddaan sun du'utti qachaa ifii ka itti baqate san keessa turuu qaba; eega hayyichi guddaan sun du'e qofa gara lafa ifii deebi'a.