Oromo Kitaaba Woyyicha
|
| 1 |
| Yesuus ammalle mammaassaan isaanitti dubbatee, |
| 2 |
| «Mootummaan Waaqaa mooticha tokko ka ilma ifiitiif jila fuudhaa fi heerumaa jilise fakkaatti. |
| 3 |
| Worri gara jila fuudhaa fi heerumaa waamame akka dhufu itti himiisaaf, Mootichi tajaajiltoota ifii erge; isaan ammoo hin dhunne. |
| 4 |
| Inni ammalle tajaajiltoota dhibii ergee, ‹Worra waamameeruun: Kunoo, jila tiyya ta fuudhaa fi heerumaa qopheesseera, sangootaa fi dardarooti cocooma qalamaneeran, wonni martille qophootteerti; gara jila fuudhaa fi heerumaa kowa'a jedha'aatii itti hima'a› jedhe. |
| 5 |
| Worri waamame ammoo tuffatee, tokko gara fichaa ifii, kuun gara daldala ifii deeme; |
| 6 |
| worri kuun tajaajiltoota isaa qabee, akka malee tolchee, ijjeese. |
| 7 |
| Mootichi guddoo aaree, loltoota ifii ergee, worra tajaajiltoota isaa ijjeese san balleessee, qachaa isaaniille gube. |
| 8 |
| Achiin duuba inni tajaajiltoota ifiitiin, ‹Jilti fuudhaa fi heerumaa qophootteerti, worri waamame ammoo ka jila tanaaf male hin teene. |
| 9 |
| Tanaaf gara woldeennaa karaa gugurda'aa dhaqa'aatii, namuma dhaggitane mara gara jila fuudhaa fi heeruma tanaa waama'a!› jedhe. |
| 10 |
| Tajaajiltooti sun gara karaa gugurda'aa bayanee nama dhaggane mara bada'aa fi dansaalle guurane; maarre manni jila fuudhaa fi heerumaa sun keessummootaan guutame. |
| 11 |
| «Mootichi keessumoota ilaaliisaaf yennaa ol seene ammoo, nama woyaa jila fuudhaa fi heerumaa hin uffatin tokko dhagge. |
| 12 |
| Namichaan, ‹Jaali, woyaa jila fuudhaa fi heerumaa malee attamiin mana seente?› jedheen. Namichi waan dubbatu dhabe. |
| 13 |
| Achiin duuba mootichi worra achi keessa ergamuun, ‹Harkaa fi miila isaa hidha'aatii, dukkana alaatitti gata'a. Achitti ilkaan qariisaa fi bowiis hin te'a› jedhe. |
| 14 |
| Worri waamame heddu'u, worri filame ammoo diqqa'a» jedhe. |
| 15 |
| Achiin duuba worri Fariisaayotaa dhaqanee waanuma inni dubbateen Yesuus xaqaru'uuf mari'atane. |
| 16 |
| Maarre isaan barattoota ifii golii Heroodisii woliin gara isaa erganee, «Barsiisa'a, akka ati dhugaamessaa nuuti hin beenna; karaa Waaqaa dhugumaan barsiitta, ati nama hin sodaattu, nama tokkolle wol hin caalchittu. |
| 17 |
| Maan sitti fakkaata? Mootii moototaa biyya Rooma'aatiif gibira kaffaluun seera moo seeraa moti? Nutti himi ree!» jedhaneen. |
| 18 |
| Yesuus ammoo, hammeenna isaanii beekee, «Isin kijiboole'e! Maaf haga na ilaaltan? |
| 19 |
| Beesee ittiin gabbartanu me natti mudhisa'a?» jedhe. Isaanille beesee san takka itti fidane. |
| 20 |
| Achiin duuba inni, «Fakki'ii fi maqaan kun ka eennuu ti?» jedhee isaan gaafate. |
| 21 |
| Isaan deebisanee, «Ka mootii mootota biyya Rooma'aa ti» jedhaneen. Achiin duuba inni, «Tanaaf, waan mootii moototaa mootii moototaatiif, waan Waaqaalle Waaqaaf kenna'a» isaaniin jedhe. |
| 22 |
| Isaan yennaa waan kana dhage'ane baaseffatanee, isa lakkisanee deemane. |
| 23 |
| Gaafasuma Saduqooti, worri du'aa ka'iis hin jiru jedhu, gara Yesuusii dhufanee, |
| 24 |
| «Barsiisa'a, Muuseen, ‹Nami tokko adoo hin uumatin yoo du'e, obboleessi isaa niitii obboleessa du'ee san dhaalee, sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuu ti› jedheera. |
| 25 |
| Amma obboleeyyan torba tokkotti odduu teenna jiraayyu; angafichi fuudhee, ijoollee adoo hin uumatin irraa du'e; tanaaf obboleessi isaa haadha hiyyeessaa san dhaale. |
| 26 |
| Ka lammeesso'oolle, ka sadeesso'oolle, haga torbeesso'ootitti isuma dhaalanee ijoollee adoo hin uumatin irraa du'ane. |
| 27 |
| Mara isaaniitiin duuba, isiille duute. |
| 28 |
| Gaafa worri du'ane ka'anu, marti isaaniituu waan isii fuudhaneeranuuf, isaan torba keessaa isiin kamiif niitii teeti?» jedhanee isa gaafatane. |
| 29 |
| Yesuus deebisee, «Barreeffama Woyyichaa fi hunna Waaqaa waan hin beenneef, isin hin dokonkortan. |
| 30 |
| Yennaa worri du'ane ka'anu, isaan ol-gubba'atti akka ergantoota Waaqaa te'an malee, hin fuudhanu, hin heerumanu. |
| 31 |
| Marroo worra du'aa ka'iisa worra du'ee, waan Waaqi isiniin jedhe isin hin dubbinnee? |
| 32 |
| Inni, ‹Ani Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaqii, Waaqa Yaaqoobii ti› jedheera. Inni Waaqa worra jiraata'aa ti malee, Waaqa worra du'a'aatii moti» isaaniin jedhe. |
| 33 |
| Gumiin yennaa tana dhageette, barsiisa isaa baaseffatte. |
| 34 |
| Yesuus worra Saduqootaa akka cadhisiise yennaa dhage'ane, worri Fariisaayotaa wolitti dacha'ane. |
| 35 |
| Isaan keessaalle'ee, barsiisaan Seeraa tokko, Yesuus haga ilaaliisaaf, |
| 36 |
| «Barsiisa'a, Seera keessaa ajaji guddichi kam?» jedhee isa gaafate. |
| 37 |
| Yesuus deebisee, « ‹Waaqa Goottaa keeti, gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti'iin, qalbii teeti takkatti'iin jaaladhu›. |
| 38 |
| Ajaji guddichi duraa isaa kana. |
| 39 |
| Lammeessoolle isuma fakkaata: ‹Ollaa keeti akka mataa keetii jaaladhu›. |
| 40 |
| Ajaja lamaan kana irratti Seerri Muuse'eetii fi barsiisi raagotaa marti hundeeffamaneeran» jedhe. |
| 41 |
| Fariisaayoti wolitti dacha'aneeranuun, Yesuus, |
| 42 |
| «Marroo Masiihii maan isinitti fakkaata? Inni ilma eennuu ti?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Ilma Daawitii ti» jedhaneen. |
| 43 |
| Yesuus, «Attamiin Daawiti hunna Ayyaana Woyyichaatiin sooreffamee ‹Goottaa› jedhaa isa waamaa, |
| 44 |
| «‹Waaqi Goottaa kiyyaan, haga ani diinota keeti miila keeti jala si'iif galchutti, Midda kiyyatti tee'i› jedheen ree? |
| 45 |
| Daawiti yoo, ‹Goottaa› jedhee isa waame, Masiihiin attamiin ilma isaa te'uu dande'a?» isaaniin jedhe. |
| 46 |
| Nami tokkolle deebii isaaf deebisuu hin dandeenne. Guyyaa sanii jalqabee nami tokkolle gaaffii tokkolle isa gaafatiisaaf itti hin gamne. |
|
| Hubachiisa Qusadhu |
https://beblia.bible:81/BibleAudio/oromoguj/matthew/022.mp3
28
22