Oromo Kitaaba Woyyicha
|
| 1 |
| Sanbati dabareen duuba, Dilbata barii halkaniin, Maariyaamiin qachaa magdala'aatii fi Maariyaamiin tuun boolla awwaalaa ilaaliisaaf dhaqane. |
| 2 |
| Ergamaan Gootta'aa ol-gubbaa irraa gad bu'ee, dhufee dhakaa boolla awwaalaa irraa gangalchee waan irra tee'eef, dedhuma tacho'i lafaa guddaan te'e. |
| 3 |
| Bifi isaa akka balaqqeetti'ii, woyaan isaa adii akka dhakaa roobaa ti. |
| 4 |
| Worri eegu ergamaa Gootta'aa waan sodaateef hollatanee akka nama du'ee te'ane. |
| 5 |
| Ergamaan Gootta'aa ammoo dubartootaan, «Hin sodaatina'a; isin ka fannifame Yesuus akka barbaaddanu ani hin beeka. |
| 6 |
| Inni as hin jiru; akkuma duraan dubbate du'aa ka'eera. Addee reeffi isaa keyame kowa'aa ilaala'a. |
| 7 |
| Amma ariifadha'aatii deema'aatii, ‹Inni du'aa ka'eera, amma isiniin dura gara Galiila'aa dhaqa; isin achitti isa hin dhaggitan› jedha'aatii barattoota isaatitti hima'a. Kunoo, ani isinitti himeera» jedhe. |
| 8 |
| Maarre dubartooti soda'aa fi gammada gudda'aan ariifatanee boolla awwaalaa keessaa bayanee, barattoota isaatitti himiisaaf rukkisane. |
| 9 |
| Dedhuma Yesuus isaaniin wolde'ee, «Nageenni isiniif te'u!» isaaniin jedhe. Isaanille itti hiiqanee, miila isaa qabatanee, isaaf sagadane. |
| 10 |
| Achiin duuba Yesuus, «Hin sodaatina'a; gara Galiila'aa akka dhaqanu obboleeyyan tiyyatti dhaqa'aa hima'a; isaan achitti na dhaggan» isaaniin jedhe. |
| 11 |
| Dubartooti adoo karaa irra jiranuu, worra boolla awwaalaa eegu keessaa gariin gara qacha'aa dhaqanee waan te'e mara sooreyyii hayyootaatitti himane. |
| 12 |
| Sooreyyiin hayyootaa jaarsolee kolba'aa woliin wolitti dacha'anee mari'atanee, beesee guddoo loltootaaf kennanee, |
| 13 |
| «Isin, ‹Barattooti isaa adoo nuuti rafiisatti jirruu halkan dhufanee reeffa isaa hatanee deemane› jedha'aa kolba'atti hima'a. |
| 14 |
| Bulchaan biyyaa yoo dubbii tana dhage'e, nuuti itti hinnee dubbii nyaachinnee, akka isin hin rakkannelle goona» jedhaneen. |
| 15 |
| Maarre isaan beesee fudhatanee akkuma isaan jedhane godhane. Dubbiin tun haga guyyaa adhaatitti Yihudoota oddu'utti odeeffanti. |
| 16 |
| Barattooti kudhanii tokko gara gaara Yesuus isaanitti akeekee, ka Galiilaa keessa jiruu dhaqane. |
| 17 |
| Isaan yennaa isa dhaggane, isaaf sagadane; worri gariin mamane. |
| 18 |
| Yesuus gara isaanii dhufee, «Baalliin duudiin ol-gubba'aa fi lafa irratti naaf kennanteerti. |
| 19 |
| Tanaaf gara gosa biyya adda addaa deema'aatii maqaa Abba'aa, maqaa Ilmaatii fi maqaa Ayyaana Woyyichaatiin isaan cuuphaa, barattoota tiyya godha'a. |
| 20 |
| Waan ani isin ajaje maralle akka eegatanu barsiisa'a. Anille yennaa mara haga muummee biyya lafaa isin woliin jira» isaaniin jedhe. |
|
| Hubachiisa Qusadhu |
https://beblia.bible:81/BibleAudio/oromoguj/matthew/028.mp3
28
28