Oromo Guji 2007
|
| 1 |
| Jilti guyyaa shantameesso'oo ta “Phenxeqostee” jedhantu yennaa geette, dhugeeffattooti duudiin addee tokkotti wolitti qabamaneeraniiyyu. |
| 2 |
| Dedhuma huuruun akka bubbee guddo'oo fakkaattu ol-gubbaa irraa dhuttee, mana isaan keessa jiranulle guutte. |
| 3 |
| Achiin duuba wonni bobe'a ibiddaa fakkaatu isaanitti mudhate; gargar cicciteelle tokko tokkoo isaanii gubba'atti bu'e. |
| 4 |
| Isaan duudiinuu Ayyaana Woyyichaan guutamanee, haga inni isaan dandeesisetti afaan adda addaatiin dubbatuu jalqabane. |
| 5 |
| Yihudooti Waaqa sodaatanu ka biyya biyya lafaa keessa jirtu mara irraa dhufane Yerusaalem keessa jiraniiyyu. |
| 6 |
| Yennaa huuruu tana dhage'ane, gumiin guddoon woliti qabante. Dhugeeffattooti afaan adda addaatiin dubbatanuun yennaa dhage'ane, isaan maadeffatane. |
| 7 |
| Isaan baaseffataa maadeffataa, “Kunoo worri akkana dubbataaranu duudiin worra Galiilla'aatii motii? |
| 8 |
| Attamiin ree isaan afaan keenna ka dhalootaatiin dubbatanuun, tokko tokkoon keenna dhageenna? |
| 9 |
| Nuuti worra biyya Phaarte'ee, Meediya'aa, Elaamii, Mesophotaamiya'aa, Yihuda'aa, Qaphadooqiya'aa, Phanxoosii, Asiya'aa, |
| 10 |
| Firiigiya'aa, Phinfiliya'aa, Gibxiitii fi lafa Liibiya'aa ta adaala qachaa Qereena'aa jirtu keessa leenu; gariin keenna worra biyya Rooma'aatii dhunne, |
| 11 |
| worra Yihudi'iitii fi worra Yihuudii hin te'in ka dhugeeffannaa Yihudi'iititti galle; akkasuma worri Qarxeesiitii fi Arabaa jiran; kunoo isaan martinuu hujii baasaa ta Waaqi huje afaan keennaan dubbataaranuun dhageenna” jedhane. |
| 12 |
| Isaan baaseffatanee, waan jedhanu dhabanee, “Wonni kun maan jechu'u?” jedhaa wol gagaafatane. |
| 13 |
| Worri dhibiin ammoo, “Kolbaan tun daadhii woyini'ii untee machooteerti!” jedhaa itti murge. |
| 14 |
| Yennaa san Pheexroos worra kudha tokko woliin dhaabbatee qoonqoo ol qabatee, gumi'iin, “Worri Yihuda'aatii fi isin worri Yerusaalem keessa leetanu duudiin, waan te'e kana beekiisaaf waan ani isiniin jedhu dhage'a'a. |
| 15 |
| Amma ganama keessa saatii sad waan teeteef, Kolbaan tun akka isin heddane san machoottee hin jirtu. |
| 16 |
| Tun ammoo afaan raagicha Iyyu'eliitiin, |
| 17 |
| ‘Guyyaa muume'ee ani akkana tolcha jedha Waaqi: nama duudii irratti Ayyaana kiyya hin buusa. Ijoolleen tessan ta dhiiraatii fi ta durraa hin raagan; dargaggeeyyiin teessan mudhii hin dhaggiti, Maanguddooti teessanille oojjuu hin oojjatan. |
| 18 |
| Guyyoota san keessatti, garboota dhugeeffatane ta dhiiraatii fi ta dubarti'ii irrattuu, Ayyaana kiyya hin buusa; isaanille raaga hin dubbatan. |
| 19 |
| Ani ol-gubba'aatti baasa, gad lafa irralle'etti bilbaasa hin mudhisa. Dhiigaa fi ibiddi, hurrantaan aaraalle hin mudhata. |
| 20 |
| Guyyaan Gootta'aa guddichii fi ulfaataan adoo hin dhufin dura, aduun hin dukkanti; jiinille diimaa akka dhiigaa te'a. |
| 21 |
| Nami maqaa Gootta'aa waamu duudiin hin fayya’ jedhe. |
| 22 |
| “Worra Israa'elii dubbii tana dhage'a'a! Akkuma isin beettanu, eennummaan Yesuusii Naaziretii, hujii guguurdoo baasaa fi bilibaasota Waaqi karaa isaatiin odduu teessanitti muummesseen mirkanooteerti. |
| 23 |
| Nami kun akka Waaqi dur murteessee fi beekeen, harka keessanitti dabarfamee kenname; akka inni harka worra cubbaleyyi'iitiin fannifamee du'u gootane. |
| 24 |
| Waaqi ammoo hunna du'aa jalaa bilisa baasee, du'aa isa kaase; sababille duuti isa qaddee hamburuu hin dandeenne. |
| 25 |
| Daawwiti marroo isaatiif, ‘Ani yennaa mara Waaqa ifiin duratti dhagga; Inni midda kiyya waan jiruuf ani hin daaqu. |
| 26 |
| Tanaaf gadhaan kiyyalle gammadeera; arrabi kiyyalle gammadaan guutameera. Akkasuma nafi kiyya du'aan addi'iin jiraata. |
| 27 |
| Lubbuu tiyya addee worra du'aneetitti hin lakkittu; ati garbicha addatamaa keeti, addee awwaalaa keessatti akka tortoree hafu hin lakkittu. |
| 28 |
| Ati karaa jiru'uu anatti mudhiteerta; Ana woliin jiraatuun keeti gammadaan na guutta’ hin jedha. |
| 29 |
| “Obboleeyyan tiyya, abbootii teenna ta qaraa keessaa marroo mooticha Daawwitii ifa godhee isinitti hima. Inni du'ee awwaalameera; awwaalli isaalle haga ammaa asi nu'u bira jira. |
| 30 |
| Daawwiti raagicha waan te'eef, Waaqi sanyii isaa keessaa tokko hin moosisa jedhee kaku'uun waadaa akka galeeruuf beekera. |
| 31 |
| Tanaaf Daawwiti waan Waaqi gara duraa godhu dhaggee, marroo du'aa ka'iisa Masiihiitiif, ‘Inni addee awwaalaa keessatti isa hin lakkinne; foon isaalle awwaala keessatti hin tortorre’ jedhee raageera. |
| 32 |
| Waaqi Yesuusii kana du'aa kaseera; nuuti duudille waan te'eeru kanaaf dhugaa baatota. |
| 33 |
| Inni gara midda Waaqaa Abba'aatitti ol fudhatamee, Ayyaana Woyyicha isaaf waadaa galame, Abbaa biraa fuudhee erge; ka isin amma dhaggitanuu fi dhageettanu kun isa. |
| 34 |
| Daawwiti gara ol-gubba'aa hin baane; teetuu malee inninuu, ‘Goottaan Goottaa kiyyaan, haga ani diinoota keeti ijjata miila keeti jala godhutti, asi maddii midda kiyyaatitti tee'i’ jedhee dubbateera. |
| 35 |
| 36 |
| “Tanaaf Yesuusii isin fannittane, Waaqi Gootta'aa fi Masiihii akka godhe kolbaan Israa'elii duudiin dhugumaan beettuu ti!” jedhe. |
| 37 |
| Kolbaan yennaa waan kana dhageette, wonni kun gadhaa isaan nyaatee, Pheexroosii fi ergantoota dhibi'iin, “Jarana maan goona?” jette. |
| 38 |
| Pheexroos isaaniin, “Cubbuu teessaniif akka araarri kennamu, tokkoon tokkoon keessan cubbuu teessan irraa deebitanee, maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphama'a; kennansa Waaqaa, Ayyaana Woyyicha hin fudhatan. |
| 39 |
| Waadaan Waaqi gale isiniif, ijoollee teessaniif, worra fagoo jiranuu fi worra Goottaan Waaqi keenna waameefille'eef” jedhee deebise. |
| 40 |
| Pheexroos jecha hedduu dhibi'iin dhugaa isaanitti bayee, “Dhaloota badaa kanatti waan dhufu'uu jiru jalaa ifi baasa'a” jedhe gorse. |
| 41 |
| Worri hedduun waan inni jedhu dhugeefatee cuuphame; gaafas dhugeeffattooti gara kuma sadii dabalamane. |
| 42 |
| Isaan guyyaa mara barattoota irraa barataa, tokkumma'aan le'aa, sagalee woliin areerratiisaa fi daadimatiisaan jabaataa turane. |
| 43 |
| Baasaa fi bilbaasi hedduun karaa barattootaatiin yennaa san waan hujatamiisatti jiruuf, martinuu soda'aan guutamane. |
| 44 |
| Dhugeeffattooti duudiin addee tokko woliin jiraniiyyu; waan qabanu maralle woliin geyane. |
| 45 |
| Isaan karraa fi meya ifii gurguranee, tokko tokkoofuu akka barbaachittetti beesee qoqoodane. |
| 46 |
| Guyyaa guyya'aan Galma Waaqaa keessatti addee tokkotti wolitti qabamaa mana ifii keessalle'etti daabboo caccaffataa, gammadaa fi gadhaa qullu'uun areerrataa, |
| 47 |
| Waaqalle leellifataa, nami duudiille isaan ulfeessaaraayyu. Goottaalle guyyuma guyya'aan worra fayyanu isaanitti dabale. |
|
| Hubachiisa Qusadhu |
https://beblia.bible:81/BibleAudio/oromoguji/acts/002.mp3
28
2