|
| 1 |
|
| Ilma kiyya Ximootewoos, yoona badhaadha Yesuus Kiristoosiin dhaggamutti jabaadhu. |
|
| 2 |
|
| Dhugaa baatota hedduu duratti waan na irraa dhageette, namoota dhibii barsiisiisaaf worra dandeettii qabu, worra addatama'atti magannee kenni. |
|
| 3 |
|
| Akka loltuu dansaa Yesuus Kiristoosiititti, rakkoo nu woliin fudhadhu. |
|
| 4 |
|
| Nami hujii loltumma'aatiin tajaajilu tokko, ajajaa ifii gammachiisiisaaf mixiixxata malee, hujii dhibi'iin ifi hin hidhu. |
|
| 5 |
|
| Akkasuma nami rukke'een doggomu tokko, akka seeraatitti yoo doggome malee, badhaasa injifanno'oo hin dhaggatu. |
|
| 6 |
|
| Qonnaan bulaan elowee huju qooda midhaan sanii qara dhaggatuu qaba. |
|
| 7 |
|
| Goottaan waan duudi'iin hubantii waan sii kennuuf, waan ani jedhu qalbeeffadhu. |
|
| 8 |
|
| Akkuma ani Oduu Gammadaa keessatti lallabe, Yesuus Kiristoosii du'a keessaa ka'e, ka sanyii Daawitii keessaa dhalate, qaabadhu. |
|
| 9 |
|
| Ani Oduu Gammadaa waan lallabeef akka yakkaamessaa hidhameelle rakkataa jira. Jechi Waaqaa ammoo hin hidhamu. |
|
| 10 |
|
| Tanaaf, worri fooyame fayyinnaa fi ulfinna bara baraa ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhufu akka dhaggatuuf jedhee waan duuchii hin ossadha. |
|
| 11 |
|
| Dubbiin, «Isa woliin yoo duune, isa wolille'een jiraanna. |
|
| 12 |
|
| Yoo ittuma ossine isa woliin hin moona. Yoo isa mormanne, innille nu hin mormata. |
|
| 13 |
|
| Yoo nuuti addatamuu dhanne, inni waan ifi hin mormanneef, addatamee jiraata» jettu tun dhuga'a. |
|
| 14 |
|
| Waan kana isaan yaadachiis, akka jechoota irratti wol hin mormine Waaqa duratti isaan seeri. Wonni kun worra dhage'u balleessiti malee, dansa'aa moti. |
|
| 15 |
|
| Ati akka hojjataa ilaallamee fudhatamee, ka hujii ifiititti hin fokkifanne, ka dubbii dhugaa Waaqaa sirri'itti barsiisuu, fuula Waaqaa duratti ifi dhiyeessiisaaf jabaadhu. |
|
| 16 |
|
| Dubbii Waaqi ittiin hin ulfaannee fi marii gowwittii, ta Waaqa irraa nama fageessitu irraa fagaadhu. |
|
| 17 |
|
| Barsiisi akkasii akka madaa foon nyaattee badhataa deentuu ti. Himnewoosii fi Filexoos worra dubbii akkasii dubbatane keessa jiran. |
|
| 18 |
|
| Isaan karaa dhuga'aa lakkisanee, du'aa ka'uun kanaan dura teeteerti jedhaa dhugeeffannaa worra gari'ii balleessaaran. |
|
| 19 |
|
| Teetuu malee hundeen Waaqi keye hin lellexxu; isii irratti, «Goottaan worra isaa ka te'e hin beeka», ammalle «Nami maqaa Gootta'aa waamu duudiin hammeenna irraa deebi'uu ti» ta jettu barreeffanteerti. |
|
| 20 |
|
| Mana guddaa tokko keessa mey worqii irraa yookiin meetii irraa hujame callaa adoo hin te'in, mey muka irraa yookiin faara irraa hujame hin jiraata; mey kun gariin ulfinnaaf, kuun ammoo tajaajila ulfinna hin qanneef te'a. |
|
| 21 |
|
| Yoona worri waan hantuu duudii irraa ifi qulleessu, waan ulfinnaatiif te'a; sababille isaan fooyamanee, Goottaa isaaniitiif ka bu'aa qabanu waan te'aneef, hujii dansaa duudi'iif qophowaneeran. |
|
| 22 |
|
| Halchaa badduu dargaggumma'aa irraa baqadhu; worra gadhaa qullu'uun Goottaa waammatu woliin balchummaa, dhugeeffannaa, jaalalaa fi nageya hordof. |
|
| 23 |
|
| Moromaan gowwittiin bu'aa hin qanne lola akka fiddu waan beettuuf, irraa ifi eegadhu. |
|
| 24 |
|
| Tajaajilaan Gootta'aa ka lolu te'uu hin qabu. Inni nama duudi'iif arjaa, dansa'aa fi barsiisaa ossataa te'uu qaba. |
|
| 25 |
|
| Worra isa mormulle gadhi-laafinnaan gorsuu qaba. Akka isaan cubbuu irraa deebi'anee dhugaa beekanu, Waaqi carraa isaanii hin kenna fa te'a. |
|
| 26 |
|
| Yoo san isaan qalbii ifiititti deebi'anee, tiyyoo Seexanaa ta isaan qaddee fedha isaatiif akka ajajamanu goote jalaa hin bayan. |
|
|
|
|