× Language Europe Russian Belarusian Ukrainian Polish Serbian Bulgarian Slovakian Czech Romanian Moldovian Azerbaijan Armenian Georgian Albanian Avar Bashkir Tatar Chechen Slovenian Croatian Estonian Latvian Lithuanian Hungarian Finnish Norwegian Swedish Icelandic Greek Macedonian German Bavarian Dutch Danish Welsh Gaelic Irish French Basque Catalan Italian Galacian Romani Bosnian North America English South America Spanish Portuguese Guarani Quechuan Aymara Central America Jamaican Nahuatl Kiche Qeqchi Haitian East Asia Chinese Japanese Korean Mongolian Uyghur Hmong South East Asia Malaysian Burmese Chin Nepali Cebuano Tagalog Cambodian Thai Indonesian Vietnamese Javanese Lao Iban IuMien Kachin Lahu Aceh Balinese Bugis Pampanga Sasak Shan Waray South Asia Hindi Оdia Awadhi Mizo Kannada Malayalam Marathi Gujarati Tamil Telugu Punjabi Kurukh Assamese Maithili Bengali Urdu Sinhala Dogri Haryanvi Meitei Konkani Santali Sindhi Koya Thado Sanskrit Devanagari Adilabad Gondi Ahirani Balochi Bundeli Chhattisgarhi Garhwali Kangri Kumaoni Mewari Munda Sadri Seraiki Shekhawati Sylheti Central Asia Kyrgyz Uzbek Tajik Turkmen Kazakhstan Karakalpak Middle East Turkish Hebrew Arabic Persian Kurdish Pashto Coptic Africa Afrikaans Xhosa Zulu Ndebele Sotho Amharic Wolaytta Nigerian Mossi Ika Dinka Kabyle Ewe Swahili Morocco Somalian Shona Madagascar Igbo Lingala Baoule Siswati Tsonga Tswana Gambian Yoruba Kamba Kinyarwanda Hausa Chewa Luo Makhuwa Dyula Fulfulde Kalenjin Kikuyu Kikwango Kirundi Krio Nigerian Pidgin Oromo Tshiluba Tshivenda Twi Umbundu Lugbara Luguru Pular Gussi Maasai Turkana Moba Nuer Shilluk Tamasheq Makonde Bemba Fon Hadiyya Ibibio Kimbundu Kimiiru Lango Liberian Kreyol Lomwe Mende Morisyen Ndau Nyankole Sena Sidamo Soga Songe Sukuma Tarifit Teso Tiv Zande Dagbani Australia Continent New Zealand Papua New Guinea Old Languages Aramaic Latin Esperanto 1 1 1 Guji GujiKakuu HaaraakaKitaaba WaaqaKitaaba WoyyuuWaadaa HaarawaWaadaa Lammataa1 1 1 Mariko MatayoMarikoLukaYohanaHuji ErgattuRumi1 Korintho2 KorinthoGalatiaEfesoFilipiKolosai1 Thesalonike2 Thesalonike1 Timotheo2 TimotheoTitoFilemoniEbraniaYakobo1 Petro2 Petro1 Yohona2 Yohona3 YohonaYudaWaan Yohanati Mullisani1 1 1 1 123456789101112131415161 1 1 : 1 1234567891011121314151617181920212223242526272829303132333435363738394041424344451 1 1 Oromo Guji Mariko 1 Save Notes 1Jalqabi Oduu Gammadaa ka Yesuus Kiristoosii Ilma Waaqaa kana.2Kitaaba Isaayaasii raagichaa keessatti, “Kunoo, Ani ergamaa kiyya ka karaa si'iif qopheessu si'iin dura erga.3Lafa goomole'ee keessatti nami tokko, ‘Karaa Gootta'aa qopheessa'a; daandii inni irra ideemu qajeelcha'a!’ jedhaa iyya” jedhantee akkuma barreeffante,4Yohaanniisiin cuuphaan lafa goomole'ee keessatti, “Cubbuu teessan irraa deebi'aatii, cuuphama'a! Waaqille cubbuu teessan isiniif hin araarama” jedhaa lallabaa dhufe.5Kolbaan biyya Yihuda'aatii fi qachaa Yerusaalemii martinuu gara Yohaannisii dhaqanee, cubbuu ifii dhugaa baasanee, laga Yordaanosiititti harka isaatitti cuuphamane.6Yohaannis uffana rifeensa gaalaatiin dhowame uffatee, hidha ifiille teephaan hidhatee, awwannisaa fi damma hollaa nyaataa ture.7Inni, “Ka ana caalu na duubaan dhufaara; ani gad jedhee hidhaa kophee isaalle hiiku'uuf nama te'uu moti.8Ani bisaaniin isin cuupha; inni ammoo Ayyaana Woyyichaan isin cuupha” jedhee lasse.9Eegi san adoo hin turin Yesuus, qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu dhufee, laga Yordaanosiititti harka Yohaannisiititti cuuphame.10Akkuma Yesuus bisaan keessaa bayeen, ol-gubbaan saaqantee, Ayyaanni Woyyichi saphaliisa fakkaatee dhufee isa irra bu'uun dhagge.11Ol-gubbaa irraa, “Ati ilma kiyya ka ani jaaladhu; ani si'itti gammadeera” qoonqoon jettu dhage'ante.12Yennuma san Ayyaanni Waaqaa aka Yesuus gara lafa goomolle'ee dhaqu tolche.13Yesuus lafa goomolle'ee keessa guyyaa afurtama Seexanaan ataabamaa ture. Achitti bineensotaan woliin ture; ergantooti Waaqalle isa tajaajilane.14Yohaannisiin cuuphaan gara mana hidha'aa dabarfamee kennameen duuba, Yesuus gara Galiila'aa dhufee, Oduu Gammadaa ta Waaqa irraa dhutte lallabe.15Inni, “Barri muummayeera, mootummaan waaqaa dhi'aatteerti, cubbuu irraa deebi'aatii Oduu Gammadaatitti dhugeeffadha'a!” jedhe.16Yesuus Abbaayaa Galiila'aa qarqaraan adoo dabaruu, guurtuu qurxummi'ii ka te'ane Simoonii fi Indiryaasiin obboleessi Simoonii caccoo tiyyoo Abbaaya'atti afanuun dhagge.17Inni isaaniin, “Ana faana kowa'a! Ani guurtuu namaa isin tolcha” jedhe.18Isaanille yennuma san caccoota ifii achitti dhiisanee, isa faana deemane.19Yesuus haga diqqoo ideemee, ilmaan Zabdeewoosii Yaaqoobii fi Yohaannis, hoboloo ifii keessatti caccoota ifii mimiidhaffatanuun dhagge.20Inni akkuma dhaggeen isaan waame; isaanille abbaa ifii Zabdeewoos hojjattoota woliin hoboloo keessatti lakkisanee Yesuus faana deemane.21Yesuusii fi barattooti isaa gara qachaa Qifirnaahoomii dhaqane; guyyaa Sanbataa itti aanuu Yesuus Mana Waaqeffannaa Yihudootaa seenee barsiise.22Yesuus akka barsiisota Seera Muuse'ee adoo hin te'in, akka nama baallii qabuu waan isaan barsiiseef worri barsiisiisa isaa dhage'ane maraa akka Inni itti barsiise jajane.23Yennuma san namichi ayyaana hama'aan qabameeru tokko Mana Waaqeffannaa Yihudootaa seenee,24“Yesuusii nama Naaziretii, haajaa maan nu woliin qadda? Nu balleessiisaaaf dhuttee? Ani ebeluu keeti hin beeka; ati Woyyicha Waaqaa ti!” jedhe iyye.25Yesuus ayyaanaa hamaa'an “Cadhisi! Keessalle'ee bayi” jedhee xixe.26Ayyaan hamaan sun namicha gajassisee, qoonqoo guddo'oon iyyee keessaa baye.27Kolbaan martinuu guddoo maadeffattee, “Wonni akkasii kun maan? Kun barnoota haareya! Inni ayyaanoota hamoota ajajiisaafille baallii qaba; isaanille isaaf hin ajajaman” jettee wol woliin dudubbatte.28Gurri isaa adoo hin turin lafa Galiila'aa duudii keessatti addee maratti dhage'ame.29Yesuus Mana Waaqeffannaa Yihudootaatii akkuma bayeen, Yaaqoobii fi Yohaannis woliin mana Simooniitii fi Indiryaasii dhaqe.30Yenna inni achi gewu haat-sodda'aa ta Simoonii dhukkuba nafa o'isuun dhibantee irkatteetti; yoosuma dhibee isi'ii tana isatti himane.31Yesuus itti dhikaatee, harka isi'ii qabee ol isii kaase; dhukkubi nafa o'isu sun isii lakkise; isiille isaanii areerte.32Galgala san aduun seenteen duuba, worra dhibamanee fi worra durriisotaan qabamane maraa gara isaa fidane.33Kolbaan qachaa sanii martinuu balbala duratti wolitti qabante.34Yesuus kolbaa hedduu ka dhukkuba adda addaatiin dhibante fayyise. Inni durriisota hedduulle baase; ammoo durriisoti ebeluu isaa waan beekaneef, akka isaan waan tokkolle hin dubbanne dhoogge.35Barii halkaniin, boruun adoo hin diimatin Yesuus ka'ee, manaa gad bayee addee nami hin jirre dhaqee, achitti daadimate.36Simoonii fi worri isa woliin turane ammoo Yesuus barbaassa bayane.37Isaan yennaa isa dhaggane, “Namooti martinuu si barbaadiisatti jiran” jedhaneen.38Yesuus ammoo, “Wonni Ani dhufeef lallabiisaaf waan te'eef, ka'aa gara olloota nu'utti aananuu dhandha, ani achille'etti lallabu'uu male” isaaniin jedhe.39Maarre, Yesuus lafa Galiila'aa maraa keessa deddeemee, manoottan waaqeffannaa Yihudootaa keessatti lallabee, durriisotalle baase.40Namichi dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeeru tokko gara Yesuusii dhufee, miilatti jigee, “Yoo fedha keeti te'e ana fayyisuu hin dandeetta” jedhee isa kadhate.41Yesuus isaaf gaddee harka diriirfatee isa qabee, “Hin fedha, fayyi!” isaan jedhe.42Yennuma san dhukkubi goga'aa farrisiisaan namicha lakkisee, namichi fayye.43Achiin duba Yesuus namichaan,44“Beekkadhu! Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii hayyichatti ifi mudhisi; akka ati fayyite, nami mara akka beekuuf, fayyuu keetiif, qodha Muuseen ajaje kenni!” jedhee, jabeessee, seeree, isa erge.45Namichi ammoo achii deemee, akkuma dhagge haasowee oduu biyyaan geye. Kanaaf Yesuus addee qoommi'iititti ture malee, qaaleyaan gara qacha'aa seenu'uuf hin dandeenne. Kolbaan ammoo addee maraa gara isaa dhutte.Oromo Guji Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007 Oromo Guji Mariko 1 00:00:00 00:00:00 0.5x 2.0x https://beblia.bible:81/BibleAudio/oromoguji/mark/001.mp3 16 1