× Language Europe Russian Belarusian Ukrainian Polish Serbian Bulgarian Slovakian Czech Romanian Moldovian Azerbaijan Armenian Georgian Albanian Avar Bashkir Tatar Chechen Slovenian Croatian Estonian Latvian Lithuanian Hungarian Finnish Norwegian Swedish Icelandic Greek Macedonian German Bavarian Dutch Danish Welsh Gaelic Irish French Basque Catalan Italian Galacian Romani Bosnian North America English South America Spanish Portuguese Guarani Quechuan Aymara Central America Jamaican Nahuatl Kiche Qeqchi Haitian East Asia Chinese Japanese Korean Mongolian Uyghur Hmong South East Asia Malaysian Burmese Chin Nepali Cebuano Tagalog Cambodian Thai Indonesian Vietnamese Javanese Lao Iban IuMien Kachin Lahu Aceh Balinese Bugis Pampanga Sasak Shan Waray South Asia Hindi Оdia Awadhi Mizo Kannada Malayalam Marathi Gujarati Tamil Telugu Punjabi Kurukh Assamese Maithili Bengali Urdu Sinhala Dogri Haryanvi Meitei Konkani Santali Sindhi Koya Thado Sanskrit Devanagari Adilabad Gondi Ahirani Balochi Bundeli Chhattisgarhi Garhwali Kangri Kumaoni Mewari Munda Sadri Seraiki Shekhawati Sylheti Central Asia Kyrgyz Uzbek Tajik Turkmen Kazakhstan Karakalpak Middle East Turkish Hebrew Arabic Persian Kurdish Pashto Coptic Africa Afrikaans Xhosa Zulu Ndebele Sotho Amharic Wolaytta Nigerian Mossi Ika Dinka Kabyle Ewe Swahili Morocco Somalian Shona Madagascar Igbo Lingala Baoule Siswati Tsonga Tswana Gambian Yoruba Kamba Kinyarwanda Hausa Chewa Luo Makhuwa Dyula Fulfulde Kalenjin Kikuyu Kikwango Kirundi Krio Nigerian Pidgin Oromo Tshiluba Tshivenda Twi Umbundu Lugbara Luguru Pular Gussi Maasai Turkana Moba Nuer Shilluk Tamasheq Makonde Bemba Fon Hadiyya Ibibio Kimbundu Kimiiru Lango Liberian Kreyol Lomwe Mende Morisyen Ndau Nyankole Sena Sidamo Soga Songe Sukuma Tarifit Teso Tiv Zande Dagbani Australia Continent New Zealand Papua New Guinea Old Languages Aramaic Latin Esperanto 1 1 1 Guji GujiKakuu HaaraakaKitaaba WaaqaKitaaba WoyyuuWaadaa HaarawaWaadaa Lammataa1 1 1 Luka MatayoMarikoLukaYohanaHuji ErgattuRumi1 Korintho2 KorinthoGalatiaEfesoFilipiKolosai1 Thesalonike2 Thesalonike1 Timotheo2 TimotheoTitoFilemoniEbraniaYakobo1 Petro2 Petro1 Yohona2 Yohona3 YohonaYudaWaan Yohanati Mullisani1 1 1 1 1234567891011121314151617181920212223241 1 1 : 1 1234567891011121314151617181920212223242526272829303132333435363738394041424344454647484950515253545556575859606162636465666768697071727374751 1 1 Oromo Guji Luka 1 Save Notes 1Ulfaataa Tewofiloos! Marroo waan odduu teennatti te'ee namooti hedduun barreessiisaaf wodhaananeeran.2Ergaa tana worri nu'uuf dabarsane worra jalqabaa jalqabanee ila ifiitiin dhagganee fi worra dubbii tana lallabane.3Maarre anille, waan mara jalqabaa jalqabee, akka dansaa waan qoradheeruuf, tarre'etti galchee si'iif barreessuun dansaa teetee anatti mudhatte.4Wonni ati baratteertu dhugaa akka teete guutattee akka beettuuf, ani tana godhe.5Bara Heroodis mooticha biyya Yihuda'aa te'eerutti, balbala hayyootaa, gooree Abiya'aa keessaa hayyichi Zakkaariyaas jedhamu tokko jira. Niitiin isaalle sanyii Aaronii ti; maqaan isi'ii Elsaabeex jedhama.6Isaan lamaanuu ajajaa fi seera Gootta'aa maraaf ajajamaa fuula Waaqaa duratti le'ii dansaa le'ane.7Elsaabeex maseena waan teeteef, isaan ijoollee hin qabanu. Isaan lamaanuu guddoo dulloomaneeran.8Gaafa tokko, badoon hujii hayyumma'aa ta hayyoota gooree Zakkaariyaasii waan teeteef, Zakkaariyaas fuula Waaqaa duratti hujii hayyummaa ifii hujiisaaf dhikaate.9Akka aadaa hayyootaatitti, gara Galma Waaqaa seenee hixaana akka aarsuuf carra'aan filame.10Yennaa hixaanni aarfamu san, gumiin alatti daadimatiisatti jirti.11Ergamaan Waaqaa addee hixaanni itti aarfamu gara middaatiin dhaabbatee Zakkaariyaasitti mudhate.12Zakkaariyaas yennaa isa dhagge rifatee sodaate.13Ergantichi Waaqaa ammoo, “Zakkaariyaas hin sodaatin! Waaqi daadimata keeti dhage'eera; niitiin teeti Elsaabeex ilma si'iif hin deetti; maqaa isaalle Yohaannis jettee baatta.14Yennaa inni dhalate ati guddoo hin gammadda; kolbaan hedduulle guddoo gammaddi.15Inni fuula Gootta'aa duratti guddaa hin te'a; daadhii woyni'ii yookiin untoo macheessitu ijjumaa hin unu; gadaamessa haadha ifiitii jalqabee Ayyaana Woyyichaan hin guutama.16Kolbaa Israa'elii hedduu gara Waaqa Goottaa isaanii hin deebisa.17Akkuma Eliyaasii raagichaa Ayyaanaa fi hunna qabaatee, yaada abbooti'iitii fi ijoolle'ee tokko tolchiisaaf, kolbaa hin ajajanne gara yaada balchoole'eetitti deebisiisaaf, kolbaalle Gootta'aaf qopheessiisaaf Gootta'aan dura hin ideema” isaan jedhe.18Zakkaariyaas Erganticha Waaqaatiin, “Wonni kun akka teetu attamiin beeka? Anii fi haati manaa tiyyalle dulloonneerra” jedhe.19Ergantichi Waaqaalle, “Ani Gabri'eel, ka fuula Waaqaa dura dhaabbadhu, oduu gammadaa tana sitti himiisaaf ergamee dhufe.20Ati ammoo ergaa tiyya ta yennaa te'uu maltetti, te'uu jirtu hin dhugeeffanne. Waan dhugeeffatiisa dhaddeef haga wonni kun teetutti, afaan hin duudda; dubbatiisalle hin dandeettu” jedhee deebise.21Kolbaan yennaa san Zakaariyaas eegatiisatti jirtu, inni Galma Waaqaa keessatti turee jennaan maadeffatte.22Inni yennaa gad baye, isaan woliin dubbatiisa dadhabee jennaan, akka inni Galma Waaqaa keessatti mudhii dhaggeeru beekane. Inni dubbatiisa dadhabee harka ifiitiin isaaniif beessisa kenne.23Yennaan Zakkaariyaas Galma Waaqaa keessatti tajaajilu hobbaatee jennaan gara mana ifii deebi'ee gale.24Eega san adoo hin turin niitiin isaa Elsaabeex ulfoottee, haga ji'a shanii mana ifii keessatti dhokatte.25Isiin, “Goottaan tana anaaf godhee, amma gara duubaatitti ana qaabbatee salphinnaa kiyya ka kolbaa oddu'uu na irraa dhoogge” jette.26Elsaabeex ulfoottee ji'a ja'eesso'ootitti Waaqi erganticha Gabri'eel gara qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu,27gara durra duuddu'uu ta Maariyaam jedhantuu takka erge. Isiin nama Yoseef jedhamu ka sanyii Mooticha Daawwitii keessaa dhalate tokkoof kadhatanteerti.28Ergantichi Waaqaa gara isi'ii dhufee, “Ati ta guddoo badhaateertu; nageenni si'iif te'u; Goottaan si woliin jira!” isi'iin jedhe.29Maariyaamiin dubbii erganticha Waaqaa mantee “Kun nageya attamiiti?” jettee yaadatte.30Ergantichi Waaqaa isi'iin, “Maariyaam, hin sodaatin! Waaqi si badhaaseera.31Ati ulfoottee ilma hin deetta; maqaa isaalle Yesuus jettaan.32Inni guddaa hin te'a, Ilma Waaqa Ol Aana'aalle hin jedhama. Goottaan Waaqi akkuma abbaa isaa Daawwitii isa hin mootonsa.33Inni kolbaa Israa'eliitiif haga barabaraa mootii hin te'a, mootummaan isaalle dhuma hin qaddu” jedhe.34Maariyaam eraganticha Waaqaatiin, “Ani durra duuddu'u; tun attam te'iisaa dandeetti?” jette.35Ergantichi Waaqaalle deebisee, “Ayyaanni Woyyichi si'itti hin dhufa, hunni Waaqa Ol Aana'aalle si irratti hin buuti. Tanaaf daa'inni woyyichi dhalatu Ilma Waaqaa hin jedhama.36Firri teeti Elsaabeex ta maseente jedhante, guddoo dulloontulle, amma ammoo isiinuu ulfoottee kun ji'a ja'eesso'oo ti.37Waaqaaf wonni hin dande'anne hin jirtu” jedhe.38Maarre Maariyaam, “Ani tajaajiltuu Gootta'aa ti. Akkuma ati jette anaaf teetuutii!” jette. Achiin duuba ergantichi Waaqaa isii biraa deeme.39Eega san adoo hin turin Maariyaam kaatee, gara qachaa biyya Yihudaa koobitti'ii keessaa tokko ariifattee dhaxxe.40Isiin mana Zakkaariyaasii seentee, Elsaabeex nageya fuute.41Elsaabeex nageya Maariyaami'ii yennaa dhageette, annuun gadaamessa isi'ii keessa utaale. Elsaabeex Ayyaana Woyyichaan guutantee,42qoonqoo ol qabattee, “Ati dubartii mara caalaa ta eebbifante, mucaan ati deettulle ka eebbifame!43Haati Goottaa kiyyaa gara kiyya dhuttee, akka ana dubbittuuf ulfinni akkanaa maaf anaa te'e?44Akkuma qoonqoo nageya fuudhiisa keetii gurri kiyya dhage'een, finni gadaamessa kiyya keessaa gammadee utaale.45Dubbiin Goottaan isi'itti dubbate akka muummottu ta dhugeeffatte ta badhaate” jette.46Maariyaam, “Lubbuun tiyya Goottaa galateessiti;47ayyaanni kiyyalle Waaqa fayyisaa kiyyatti hin gammada.48Inni garbittii ifii gad aantuu qaabbateera; ammaa jalqabee dhalooti duudiin ta badhaate anaan jedha.49Waaqi dande'aan waan guddoo anaaf godhe. Maqaan isaalle woyyicha.50Marartiin isaa worra isa sodaatuuf dhalootaa haga dhalootaa ti.51Inni dandeettuu irree ifii mudhisee, worra kooru yaada gadhaa isaanii woliin firfisse.52Mootota jajjaba barcumaa mootummaa isaanii irraa buusee, worra gad aanaa ol kaase.53Worra beelowe waan dansa'aan quussee, dureeyyii harka duwwaa gad lakkise.54Maariyaam gara ji'a sadii Elsaabeex woliin turtee, achiin duuba gara mana ifii deebite.55Elsaabeex yennaan deettu geennaan, ilma deette.56Ollootaa fi firoottan isi'ii akka Goottaan isi'iif guddoo marare dhagganee, isii woliin gammadane.57Guyyaa saddeetesso'oo annuu haqanqabaa qabiisaaf worri dhufane, annuu maqaa abba'aatiin, Zakkaariyaas jedhanee baasiisaaf barbaadane.58Haati isaa ammoo, “Waawwoo! Maqaan isaa Yohaannis jedhamuu qaba” jette.59Isaan isi'iin, “Worra keeti keessaa maqaa kanaan ka waamameeru tokkolle hin jiru” jedhane.60Achiin duuba abbaan isaa eennu jedhee maqaa isaa baasiisaaf akka barbaadu beessisaan gaafatane.61Zakkaariyaas waan irratti barreessu gaafatee, “Maqaan isaa Yohaannis” jedhe barreesse. Isaan martinuu waan kana baaseffatane.62Yennuma san arrabi isaa hiikamee, dubbatiisa dande'ee, Waaqa galateeffate.63Ollaan marti waan te'e kana sodaate. Oduun waan kanaalle biyya Yihuda'aa goorittii keessatti addee maratti odeeffante.64Dhugumaan hunni Gootta'aa waan isa woliin jirtuuf, worri waan kana dhage'ane martinuu, “Mucaan kun maan te'inna laati?” jedhanee yaadatane.65Achiin duuba abbaan isaa Ayyaana Woyyichaan guutamee,66“Kolbaa ifii gargaaree, bilisa baasiisaaf waan dhufeef, Goottaan Waaqi Israa'elii galatoomuu!67Sanyii Daawwitii tajaajilaa ifii irraa, fayyisaa jabaa nu'uuf kaaseera.68Bara durii, afaan raagota woyyootaatiin dubbatee,69diinotaa fi harka worra nu jibbuu mara jalaa akka nu fayyisu addii nuuf kenneera.70Abbootii teennaaf akka mararu addii kennee fi gondooroo woyyittii ifii qaabbate.71Mucaa kiyya, atille, raagicha Waaqa Ol Aana'aa hin jedhanta, karaa Gootta'aa qopheessiisaaf isa dura hin ideenta.72Kolbaan Waaqaa araara cubbu'uu kennamuun, beekkuma fayyinnaa akka dhaggattu hinta.73Waaqi keenna marara'aa fi gadhaa laafa'a. Inni aduu fayyinnaa nu'uuf hin baasa.74Inni worra dukkanaa fi gaaddisa du'aa keessa jiru maraaf hin issa; miila keennalle karaa nageyaatitti hin qajeelcha” jedhee raage.75Mucaan guddatee, Ayyanalle'een jabaate; haga guyyaan inni kolbaa Israa'eliititti mudhate gewutti goomolee keessa le'e.Oromo Guji Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007 Oromo Guji Luka 1 00:00:00 00:00:00 0.5x 2.0x https://beblia.bible:81/BibleAudio/oromoguji/luke/001.mp3 24 1