× Language Europe Russian Belarusian Ukrainian Polish Serbian Bulgarian Slovakian Czech Romanian Moldovian Azerbaijan Armenian Georgian Albanian Avar Bashkir Tatar Chechen Slovenian Croatian Estonian Latvian Lithuanian Hungarian Finnish Norwegian Swedish Icelandic Greek Macedonian German Bavarian Dutch Danish Welsh Gaelic Irish French Basque Catalan Italian Galacian Romani Bosnian North America English South America Spanish Portuguese Guarani Quechuan Aymara Central America Jamaican Nahuatl Kiche Qeqchi Haitian East Asia Chinese Japanese Korean Mongolian Uyghur Hmong South East Asia Malaysian Burmese Chin Nepali Cebuano Tagalog Cambodian Thai Indonesian Vietnamese Javanese Lao Iban IuMien Kachin Lahu Aceh Balinese Bugis Pampanga Sasak Shan Waray South Asia Hindi Оdia Awadhi Mizo Kannada Malayalam Marathi Gujarati Tamil Telugu Punjabi Kurukh Assamese Maithili Bengali Urdu Sinhala Dogri Haryanvi Meitei Konkani Santali Sindhi Koya Thado Sanskrit Devanagari Adilabad Gondi Ahirani Balochi Bundeli Chhattisgarhi Garhwali Kangri Kumaoni Mewari Munda Sadri Seraiki Shekhawati Sylheti Central Asia Kyrgyz Uzbek Tajik Turkmen Kazakhstan Karakalpak Middle East Turkish Hebrew Arabic Persian Kurdish Pashto Coptic Africa Afrikaans Xhosa Zulu Ndebele Sotho Amharic Wolaytta Nigerian Mossi Ika Dinka Kabyle Ewe Swahili Morocco Somalian Shona Madagascar Igbo Lingala Baoule Siswati Tsonga Tswana Gambian Yoruba Kamba Kinyarwanda Hausa Chewa Luo Makhuwa Dyula Fulfulde Kalenjin Kikuyu Kikwango Kirundi Krio Nigerian Pidgin Oromo Tshiluba Tshivenda Twi Umbundu Lugbara Luguru Pular Gussi Maasai Turkana Moba Nuer Shilluk Tamasheq Makonde Bemba Fon Hadiyya Ibibio Kimbundu Kimiiru Lango Liberian Kreyol Lomwe Mende Morisyen Ndau Nyankole Sena Sidamo Soga Songe Sukuma Tarifit Teso Tiv Zande Dagbani Australia Continent New Zealand Papua New Guinea Old Languages Aramaic Latin Esperanto 1 1 1 Guji GujiKakuu HaaraakaKitaaba WaaqaKitaaba WoyyuuWaadaa HaarawaWaadaa Lammataa1 1 1 Huji Ergattu MatayoMarikoLukaYohanaHuji ErgattuRumi1 Korintho2 KorinthoGalatiaEfesoFilipiKolosai1 Thesalonike2 Thesalonike1 Timotheo2 TimotheoTitoFilemoniEbraniaYakobo1 Petro2 Petro1 Yohona2 Yohona3 YohonaYudaWaan Yohanati Mullisani1 1 1 1 123456789101112131415161718192021222324252627281 1 1 : 1 1234567891011121314151617181920212223241 1 1 Oromo Guji Huji Ergattu 1 Save Notes 1Ulfaataa Tewoofiloos! Kitaaba kiyya ka kanaan duraa keessatti marroo waan Yesuus hujeetii fi barsiise duudii barreeseera. Wonni ani barreesselle gaafa Yesuus hujii ifii jalqabeen kaasee,2haga guyyaa gara ol gubba'aa bayeetitti waan huje; inni ergantoota filateef, ajaja ifii karaa Ayyaana Woyyichaatiin kenneen duuba gara ol gubba'aa baye.3Yesuus du'a ifiitiin duuba akka jiraataa te'e, deddebi'ee karaa hin mansiinneen mirkaneessaa haga guyyaa afurtamaa isaanitti mudhatee, marroo Mootummaa Waaqaalle isaanitti dubbate.4Inni isaan woliin adoo jiruu, “Addii Abbaan kiyya isiniif kenne, ta ani isinitti hime san eegadha'a malee, Yerusaalemii hin bayina'a” jedhee isaan ajajaje.5Ede'eelle Yesuus, “Yohaannis bisaaniin isin cuuphe; guyyaa diqqa'aan duuba ammoo Ayyaana Woyyichaan cuuphantan” jedhe.6Yennaa wolitti qabamane ergantooti Yesuusiin, “Gootta'a, ati ammaa tana Israa'eliif Mootummaa deebittee kennaartaa?” jettee gaafatte.7Yesuus isaaniin, “Yenna'aa fi bara Abbaan kiyya baallii ifiitiin murteesse beekuu hin dandeettanu;8ammoo yennaa Ayyaanni Woyyichi isin irratti bu'u, hunna hin dhaggattan; yennaa san Yerusaalemitti, lafa Yihuda'aa duudi'itti, Samaariya'aa fi biyya lafaa duudi'itti dhugaa bayoota tiyya hin teetan” jedhe.9Yesuus kana jedheen duuba, adoo isaan isa ilaalanuu gara ol-gubba'aa fudhatame; duumensille isaan duraa isa golle.10Isaa ol bayiisatti jiru, ila hin caffatin adoo ilaaliisatti jiranuu, namooti lamaan ka woyaa adii uffataneeranu cinaa isaanii dhaabbatanee,11“Isin namoota Galiila'aa, maaf asi dhaabbatanee gara gubba'aa ilaaltan? Yesuusiin isin duraa gara ol-gubba'aa fudhatame kun, gara ol-gubba'aa bayaaruun akkuma dhaggitane akkanuma deebi'ee hin dhufa” jedhane.12Achiin duuba ergantooti gaara Ejersaa jedhamu irraa gara Yerusaalemii deebi'ane; gaarri Ejersaa Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira tokko fagaata.13Isaan qachaa guddicha seenanee, gara kolloo mana mana gubba'aa ol bayane. Isaanille Pheexroos, Yohaannis, Yaaqoob, Indiryaas, Filiphoos, Toomaas, Bartolomewoos, Maatewoos, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Simoonii hinaatichaa fi Yihudaa ilma Yaaqoobii fa'a.14Isaan duudiinuu dubartoota, Maariyaamii hadha Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa woliin wolitti qabamanee, yaada tokkoon daadimataaraniiyyu.15Guyyaa diqqa'aan duuba, Pheexroos woli geyii dhugeeffattoota gara dhibbaaf diddama geettu tokko keessa dhaabbatee,16“Obboleeyyan tiyya, Barreeffama woyyicha keessatti, marroo Yihudaa worra Yesuus qabeef sooressaa te'ee, dubbiin Ayyaanni Woyyichi afaan Daawwititiin dubbateeru muummowuu qaddiiyyu.17Yihudaan qooda hujii teennaa nu woliin akka qabaatu waan filameeruuf, golii teenna te'eeraayyu.18Namichi kun beesee hujii hammeenna ifiitiin dhaggate saniin, fichaa bitate; inni mata'aan lafa dhayee nafi isaa dho'ee, meeni gadha'aa jige.19Worri Yerusaalem keessa le'anu duudiin waan kana dhage'ane; maarre isaan lafa san afaan ifiitiin ‘Akeldaamaa’ jedhane; akkas jechuulle “Lafa dhiigaa” jechu'u.20“Kitaaba Faaru'uu keessatti, ‘Manni isaa ona te'uu ti; eennulle keessa hin le'in’; akkasuma, ‘Nami dhibiille sooressummaa isaa fudhatuu ti’ jedhantee barreefanteerti.21Tanaaf yennaa Goottaan Yesuus odduu teennatti deddeebi'e duudi'itti nama nu woliin jiru keessaa,22akkasuma cuuphaa Yohaannisiitiin jalqabee, haga guyyaa Yesuus nu biraa ol fudhatameetitti, worra nu woliin jiru kana keessaa tokkochi, du'aa ka'a Yesuusiitiif, nu woliin nama dhugaa bawu te'uu barabaachisa” jedhe23Maarre isaan nama lamaan Yoseef ka barsaabaas yookiin Yosxos jedhamee waammamu fi Maatiyaas dhikeessane.24Achiin duuba isaan namoota lamaan keessaa tokko filiisaaf hixaa yennaa buusane, hixaan Maatiyaas dhaqqabe. Maarre inni ergantoota kudhanii tokkotti dabalame.Oromo Guji Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007 Oromo Guji Huji Ergattu 1 00:00:00 00:00:00 0.5x 2.0x https://beblia.bible:81/BibleAudio/oromoguji/acts/001.mp3 28 1