× Language Europe Russian Belarusian Ukrainian Polish Serbian Bulgarian Slovakian Czech Romanian Moldovian Azerbaijan Armenian Georgian Albanian Avar Bashkir Tatar Chechen Slovenian Croatian Estonian Latvian Lithuanian Hungarian Finnish Norwegian Swedish Icelandic Greek Macedonian German Bavarian Dutch Danish Welsh Gaelic Irish French Basque Catalan Italian Galacian Romani Bosnian North America English South America Spanish Portuguese Guarani Quechuan Aymara Central America Jamaican Nahuatl Kiche Qeqchi Haitian East Asia Chinese Japanese Korean Mongolian Uyghur Hmong South East Asia Malaysian Burmese Chin Nepali Cebuano Tagalog Cambodian Thai Indonesian Vietnamese Javanese Lao Iban IuMien Kachin Lahu Aceh Balinese Bugis Pampanga Sasak Shan Waray South Asia Hindi Оdia Awadhi Mizo Kannada Malayalam Marathi Gujarati Tamil Telugu Punjabi Kurukh Assamese Maithili Bengali Urdu Sinhala Dogri Haryanvi Meitei Konkani Santali Sindhi Koya Thado Sanskrit Devanagari Adilabad Gondi Ahirani Balochi Bundeli Chhattisgarhi Garhwali Kangri Kumaoni Mewari Munda Sadri Seraiki Shekhawati Sylheti Central Asia Kyrgyz Uzbek Tajik Turkmen Kazakhstan Karakalpak Middle East Turkish Hebrew Arabic Persian Kurdish Pashto Coptic Africa Afrikaans Xhosa Zulu Ndebele Sotho Amharic Wolaytta Nigerian Mossi Ika Dinka Kabyle Ewe Swahili Morocco Somalian Shona Madagascar Igbo Lingala Baoule Siswati Tsonga Tswana Gambian Yoruba Kamba Kinyarwanda Hausa Chewa Luo Makhuwa Dyula Fulfulde Kalenjin Kikuyu Kikwango Kirundi Krio Nigerian Pidgin Oromo Tshiluba Tshivenda Twi Umbundu Lugbara Luguru Pular Gussi Maasai Turkana Moba Nuer Shilluk Tamasheq Makonde Bemba Fon Hadiyya Ibibio Kimbundu Kimiiru Lango Liberian Kreyol Lomwe Mende Morisyen Ndau Nyankole Sena Sidamo Soga Songe Sukuma Tarifit Teso Tiv Zande Australia Continent New Zealand Papua New Guinea Old Languages Aramaic Latin Esperanto 1 1 1 Guji GujiKakuu HaaraakaKitaaba WaaqaKitaaba WoyyuuWaadaa HaarawaWaadaa Lammataa1 1 1 Rumi MatayoMarikoLukaYohanaHuji ErgattuRumi1 Korintho2 KorinthoGalatiaEfesoFilipiKolosai1 Thesalonike2 Thesalonike1 Timotheo2 TimotheoTitoFilemoniEbraniaYakobo1 Petro2 Petro1 Yohona2 Yohona3 YohonaYudaWaan Yohanati Mullisani1 1 1 15 123456789101112131415161 1 1 : 1 123456789101112131415161718192021222324252627282930311 1 1 Oromo Guji Rumi 15 Save Notes 1Nuuti worri dhugeeffanna'aan jajjaba teene, ba'aa worra dadhaboole'ee ba'atuu qanna malee, ifi gammachiisuu hin qannu.2Tokko tokkoon keenna akka nami dhibiin dhugeeffannaa ifiitiin jabaatu, dansaa isaatiif isa gammachiisuu qanna.3Kiristoos ifi hin gammachiinne; ammoo, akkumma Barreeffam Woyyichi, “Arraba ittiin si arrassanetti ana dhaqqabe” jedhutti isa irratti muummaye.4Ossaa fi jajjabeenna Barreeffam Woyyichi nuuf kennuun addii akka qabaannu, wonni Barreeffama Woyyicha keessatti barreeffamane marti nu barsiisu'uuf barreeffante.5Akkuma Kiristoos isin fudhate, isinille ulfinna Waaqaatiif wol fudhadha'a.6Waadaan Waaqi abbootii isaaniitii gale akka muummawuu fi Waaqi addatamaa akka te'e mudhisiisaaf, Kiristoos tajaajilaa Yihudootaa akka te'e, ani isinitti hima.7Akkasuma worri Yihudoota hin te'inille marartii isaatiif, Waaqa akka leellisuuf tajaajilaa isaanii te'e; kunille kama Barreeffam Woyyichi, “Tanaaf ani worra Yihudoota hin te'in oddu'utti si hin leellisa; maqaa keetiifille faaruu hin faarfadha” jedhu.8Ammalle Barreeffam Woyyichi, “Isin worri worra Yihudootaa hin te'in, kolbaa isaa woliin gammada'a” jedha.9Ammalle, “Worri Yihudoota hin te'in marti, Goottaa galateeffadha'a; kolbaan marti, isa galateeffadha'a!” jedha.10Akkasuma Isaayaasille, “Ka sanyii Iseyii keessaa dhalatu hin dhufa; inni worra Yihudoota hin te'in bulchiisaaf hin ka'a; isaanille isa hin addatan” jedha.11Addiin teessan hunna Ayyaana Woyyichaatiin ittuma akka guddattu, Waaqi addii namaaf kennu, isatti dhugeeffachuu keessaniin, gammadaa fi nageya maraan isin guutuu ti.12Obboleeyyan tiyya! Dansa'aan akka guutantaneertanu, beekkunsa maraayyuu akka qaddanuu fi wol barsiisuu akka dandeettanu, mama tokko malee aninuu hubadheera.13Badhaadhi Waaqaa waan anaaf kenneef, marroo waan tokko tokkoo isin yaadachiisu'uuf sodaa malee isinii barreesseera.14Badhaadhi kunille, akka ani Oduu Gammadaa, ta Waaqaa, worra Yihudoota hin te'iniif lallabiisaan akka hayyichaa te'ee, Yesuus Kiristoos tajaajiluuf naa kenname. Tanaaf worri Yihudoota hin te'in ka Ayyaana Woyyichaan woyyoomee fi kennaa Waaqa gammachiisu te'ee akka dhikaatu tajaajila.15Karaa Kiristoos Yesuusiitiin Waaqa tajaajiliisa kiyyaan ani hin boona.16Worri Yihudoota hin te'in dubbi'ii fi hujii tiyyaan akka Waaqaaf ajajamanu, waan Kiristoos karaa kiyyaan godhe qofa malee waan tokkolle dubbatiisaaf ani ila hin jabaadhu.17Akkasuma hunna bilbaasotaatii fi baasotaatiin, hunna Ayyaana Waaqaatille'een, Yerusaalemii jalqabee haga Iliiriqumiititti, Oduu Gammadaa ta Kiristoosii guutuma guutu'utti lallabeera.18Halchaan tiyya ta yennaa maraa hundee nami dhibiin buuse irratti ijaaruu adoo hin te'in, addee Kiristoos hin dhage'amin maratti Oduu Gammadaa lallabiisa.19Ammoo, tun tama, “Worri marroo isaa isaanitti hin himamin hin dhaggan; worri hin dhage'in hin hubatan” jedhantee barreeffante.20Sababa kanaaf ani yennaa hedduu isin bira dhufiisa dhooggame.21Amma ammoo adaala kana keessaa hujii tiyya waan fixadheeruu fi dhufee isin ilaaliisaafille woggaa hedduu dharra'aa waan tureeruuf,22yennaa gara Isphaaniyaa dhaqu goree isin ilaaliisaaf karoorfadheera. Yennaa diqqoo isin dhaggiisaan gammadeen duuba, akka ani ittiin achi dhaquuf qarqaarsa akka anaa gotanu hin addadha.23Ammaa tana ammoo, kolbaa Waaqaa ta achi jirtu tajaajiliisaaf ani gara Yerusaalemii deemiisatti jira.24Wolde'i kiristaanaa ka Maqedooniya'aatii fi Akaayya'aa, hiyyeeyyii Yerusaalem keessatti kolbaa Waaqaa odduu jirtuuf, qarqaarsa kenniisaaf murteeffataneeran.25Murteen tama isaanii ti; ammoo dhuguma isaan, isaan qarqaaruu qaban; eega Yihudooti eebba Ayyaana Waaqaa irraa dhaggatane worra Yihudoota hin te'in woliin qoodamane, worri Yihudoota hin te'inille eebba jiruu fooniitiin dhaggataneen Yihudoota qarqaaruu qaban.26Maarre, ani yennaa hujii tana fixe, beesee isaaniif wolitti qabante maraayyuu isaanii kenneen duuba, Isphaaniyaa dhaqaara; yennaa achi dhaqu goree isin ilaala.27Yennaa gara keessan dhufu, eebbaa Kiristoosii guutumaa guutu'utti fidee akka dhufu ani hin beeka.28Obboleeyyan tiyya! Gootta keenna Yesuus Kiristooniin, jaalala Ayyaanni Woyyichi nuu kennelle'een, ana woliin itti cittanee akka anaaf daadimattanu isin maganniffadha.29Akka ani miidhaa worra hin dhugeeffannee, ka Yihudaa keessaa irraa fayyuu fi tajaajilli kiyya Yerusaalem keessatti kolbaa Waaqaa ta achiitiif fudhatamaa akka te'u daadimadha'a.30Maarre anille fedhii Waaqaa yoo teete, gammadaan gara keessan dhufee, isin dhaggee isin woliin hin haareeffama.31Waaqi, maddi nageya keennaa, isin mara woliin jiraatu. Ameen.Oromo Guji Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007 Oromo Guji Rumi 15 00:00:00 00:00:00 0.5x 2.0x https://beblia.bible:81/BibleAudio/oromoguji/romans/015.mp3 16 15