× Language Europe Russian Belarusian Ukrainian Polish Serbian Bulgarian Slovakian Czech Romanian Moldovian Azerbaijan Armenian Georgian Albanian Avar Bashkir Tatar Chechen Slovenian Croatian Estonian Latvian Lithuanian Hungarian Finnish Norwegian Swedish Icelandic Greek Macedonian German Bavarian Dutch Danish Welsh Gaelic Irish French Basque Catalan Italian Galacian Romani Bosnian North America English South America Spanish Portuguese Guarani Quechuan Aymara Central America Jamaican Nahuatl Kiche Qeqchi Haitian East Asia Chinese Japanese Korean Mongolian Uyghur Hmong South East Asia Malaysian Burmese Chin Nepali Cebuano Tagalog Cambodian Thai Indonesian Vietnamese Javanese Lao Iban IuMien Kachin Lahu Aceh Balinese Bugis Pampanga Sasak Shan Waray South Asia Hindi Оdia Awadhi Mizo Kannada Malayalam Marathi Gujarati Tamil Telugu Punjabi Kurukh Assamese Maithili Bengali Urdu Sinhala Dogri Haryanvi Meitei Konkani Santali Sindhi Koya Thado Sanskrit Devanagari Adilabad Gondi Ahirani Balochi Bundeli Chhattisgarhi Garhwali Kangri Kumaoni Mewari Munda Sadri Seraiki Shekhawati Sylheti Central Asia Kyrgyz Uzbek Tajik Turkmen Kazakhstan Karakalpak Middle East Turkish Hebrew Arabic Persian Kurdish Pashto Coptic Africa Afrikaans Xhosa Zulu Ndebele Sotho Amharic Wolaytta Nigerian Mossi Ika Dinka Kabyle Ewe Swahili Morocco Somalian Shona Madagascar Igbo Lingala Baoule Siswati Tsonga Tswana Gambian Yoruba Kamba Kinyarwanda Hausa Chewa Luo Makhuwa Dyula Fulfulde Kalenjin Kikuyu Kikwango Kirundi Krio Nigerian Pidgin Oromo Tshiluba Tshivenda Twi Umbundu Lugbara Luguru Pular Gussi Maasai Turkana Moba Nuer Shilluk Tamasheq Makonde Bemba Fon Hadiyya Ibibio Kimbundu Kimiiru Lango Liberian Kreyol Lomwe Mende Morisyen Ndau Nyankole Sena Sidamo Soga Songe Sukuma Tarifit Teso Tiv Zande Dagbani Australia Continent New Zealand Papua New Guinea Old Languages Aramaic Latin Esperanto 1 1 1 Guji GujiKakuu HaaraakaKitaaba WaaqaKitaaba WoyyuuWaadaa HaarawaWaadaa Lammataa1 1 1 2 Korintho MatayoMarikoLukaYohanaHuji ErgattuRumi1 Korintho2 KorinthoGalatiaEfesoFilipiKolosai1 Thesalonike2 Thesalonike1 Timotheo2 TimotheoTitoFilemoniEbraniaYakobo1 Petro2 Petro1 Yohona2 Yohona3 YohonaYudaWaan Yohanati Mullisani1 1 1 1 123456789101112131 1 1 : 1 1234567891011121314151617181920212223241 1 1 Oromo Guji 2 Korintho 1 Save Notes 1Ana Phawuloosii fedha Waaqaatiin ergamaa Yesuus Kiristoosii te'ee fi obboleessa keenna Ximootewoos irraa, wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa, ka qachaa Qorontoosii keessa jiruu fi kolbaa Waaqaa ta lafa Akaayya'aa duudii keessa jirtu maraaf:2Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya isiniif kennu.3Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, Abbaa mararti'iitii fi Waaqa jajjabeenna maraatiif galanni te'u.4Nuuti jajjabeenna Waaqa irraa dhagganeen, worra rakkinna adda addaa keessa jiru akka jajjabeessinuuf, Waaqi rakkoo teenna duudii keessatti nu jajjabeessa.5Akkuma rakkinna hedduu Kiristoosii qoodanne, akkasuma Kiristoosiin jajjabeenna hedduu dhagganna.6Nuuti yennaa rakkannu isin jajjabeennaa fi fayyinna dhaggattan; yennaa jajjabaannulle rakkoo akka nuuti fudhannee, isinille ossaan fudhattanee hin jajjabaattan.7Isin rakkoo teenna akkuma qoodantanu, akkasuma jajjabeenna nuuti fudhannu akka qoodantanu waan beennuuf, addiin nuuti isin irratti qannu ijjumaa hin tachootu.8Obboleeyyan tiyya! Rakkoo lafa Asiya'aa keessatti nu dhaqqadde, akka beettanu barbaanna. Rakkoon nu dhaqqadde sun guddoo ulfaattu'uu fi hunna teennaan ol waan teeteef, addii jiru'uun le'iisaa kutanneerraayyu.9Akka waan muraan du'aa nutti murantee nu'utti dhage'ameeraayyu; ammoo Waaqa worra du'ane kaasu callaa malee, ifii keenna akka hin addanneef tun teete.10Waaqi balaa du'aa ka akkasii jalaa nu baaseera, hin baasalle'e; ammalle akka nu baasu addii isatti godhanneerra.11Isinille daadimannaa teessaniin nu qarqaaruu qaddan. Daadimannaa heddu'uun qarqaarsa Waaqaa yennaa dhaggannu, worri hedduun sababa keennaaf Waaqa hin galateeffata.12Amma wonni nuuti ifi jajannuun kana: Le'iin nuuti biyya lafaa tana keessa leene, keessattuu akki nuuti isin woliin leene, woyyumma'aa fi qajeelummaa Waaqa irraa dhagganneen akka te'e wodaanaan keenna dhugaa baya. Kunille badhadha Waaqaatiin malee, qarummaa namaatiinii moti.13Nuuti waan isin dubbifattanee hubatu'uu dandeettanu malee, waan dhibii womaa isiniif hin barreessinu.14Isin amma marroo teenna gamisa beettan; duuba irra ammoo guutattanee akka hubattanu hin addadha. Sababa kanaan guyyaa Goottaan Yesuus dhufu akkuma nuuti isiniin ifi jajanu, isinille nu'uun ifi jajjan.15Ani waan kana waan beekeeruuf, yennaa lama akka isin fayyadantanuuf jedhee, matooma gara keessan dhufiisaaf karoora baafadheeraayyu.16Ani gara Maqedooniya'aa yennaa taruu fi achii yennaa deebi'u isin ilaaliisaaf karoora baafadheerra. Isinille yennaa san deensa kiyya ka ani gara lafa Yihuda'aa dhaquuf na hin qarqaartan jedhee yaadadheera.17Yennaa karoora kana baafadhe, nama yaada lamaa isinitti fakkaadhaa? Yookiin tana karoorfatiisaan yennaa tokkotti “Eeti'ii” fi “Waawwo'o” jedhaa yaada namaatiin waan godhe seetanii?18Waaqi addatamaa waan te'eef, wonni nuuti isinitti hinnu jecha yaada lamaa ka “Eeti'ii” fi “Waawwo'o” jedhuu moti.19Ilmi Waaqaa Yesuus Kiristoos ka Sillaas, Ximootewoosii fi ani odduu teessanitti lallanne jecha yennaa maraa, “Eeti'i” jedhuun malee, jecha yaada lamaa ka, “Eeti'ii” fi “Waawwo'o” jedhuunii moti.20Waadaan Waaqi nu'uuf gale duudiin karaa Kiristoosiitiin, “Eetii” te'a. Tanaaf nuutille ulfinna Waaqaatiif karaa Kiristoosiitiin, “Ameen” jenna.21Nuuti isin woliin Kiristoositti akka jabaannu ka godhe Waaqa; hujii tanaaf ka nu muudelle isa.22Ka isaa te'uu keennaaf beessisa ifii nu irratti godhee, karra hegeri nuu kennuuf akka qaddi'iititti Ayyaana Woyyicha ifii gadhaa keenna keessa ka keye isa.23Wonni ani gara lafa Qorontoosii deebi'ee dhufuu dhabeef, akka isin hin gaddisiinne isiniif nayeeti; kanalle'eef Waaqi anaaf dhuga'a.24Isin dhugeeffanna'aan jabaattanee waan dhaabbattaneef, akka gammaddanuuf isin woliin hujaarra malee, dhugeeffannaa teessan irratti ifi goottonsiisaafii moti.Oromo Guji Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007 Oromo Guji 2 Korintho 1 00:00:00 00:00:00 0.5x 2.0x https://beblia.bible:81/BibleAudio/oromoguji/2corinthians/001.mp3 13 1