× Language Europe Russian Belarusian Ukrainian Polish Serbian Bulgarian Slovakian Czech Romanian Moldovian Azerbaijan Armenian Georgian Albanian Avar Bashkir Tatar Chechen Slovenian Croatian Estonian Latvian Lithuanian Hungarian Finnish Norwegian Swedish Icelandic Greek Macedonian German Bavarian Dutch Danish Welsh Gaelic Irish French Basque Catalan Italian Galacian Romani Bosnian North America English South America Spanish Portuguese Guarani Quechuan Aymara Central America Jamaican Nahuatl Kiche Qeqchi Haitian East Asia Chinese Japanese Korean Mongolian Uyghur Hmong South East Asia Malaysian Burmese Chin Nepali Cebuano Tagalog Cambodian Thai Indonesian Vietnamese Javanese Lao Iban IuMien Kachin Lahu Aceh Balinese Bugis Pampanga Sasak Shan Waray South Asia Hindi Оdia Awadhi Mizo Kannada Malayalam Marathi Gujarati Tamil Telugu Punjabi Kurukh Assamese Maithili Bengali Urdu Sinhala Dogri Haryanvi Meitei Konkani Santali Sindhi Koya Thado Sanskrit Devanagari Adilabad Gondi Ahirani Balochi Bundeli Chhattisgarhi Garhwali Kangri Kumaoni Mewari Munda Sadri Seraiki Shekhawati Sylheti Central Asia Kyrgyz Uzbek Tajik Turkmen Kazakhstan Karakalpak Middle East Turkish Hebrew Arabic Persian Kurdish Pashto Coptic Africa Afrikaans Xhosa Zulu Ndebele Sotho Amharic Wolaytta Nigerian Mossi Ika Dinka Kabyle Ewe Swahili Morocco Somalian Shona Madagascar Igbo Lingala Baoule Siswati Tsonga Tswana Gambian Yoruba Kamba Kinyarwanda Hausa Chewa Luo Makhuwa Dyula Fulfulde Kalenjin Kikuyu Kikwango Kirundi Krio Nigerian Pidgin Oromo Tshiluba Tshivenda Twi Umbundu Lugbara Luguru Pular Gussi Maasai Turkana Moba Nuer Shilluk Tamasheq Makonde Bemba Fon Hadiyya Ibibio Kimbundu Kimiiru Lango Liberian Kreyol Lomwe Mende Morisyen Ndau Nyankole Sena Sidamo Soga Songe Sukuma Tarifit Teso Tiv Zande Dagbani Australia Continent New Zealand Papua New Guinea Old Languages Aramaic Latin Esperanto 1 1 1 Guji GujiKakuu HaaraakaKitaaba WaaqaKitaaba WoyyuuWaadaa HaarawaWaadaa Lammataa1 1 1 Yuda MatayoMarikoLukaYohanaHuji ErgattuRumi1 Korintho2 KorinthoGalatiaEfesoFilipiKolosai1 Thesalonike2 Thesalonike1 Timotheo2 TimotheoTitoFilemoniEbraniaYakobo1 Petro2 Petro1 Yohona2 Yohona3 YohonaYudaWaan Yohanati Mullisani1 1 1 1 11 1 1 : 1 12345678910111213141516171819202122231 1 1 Yuda 1 Save Notes 1Ana Yihudaa garbicha Yesuus Kiristoosii, obboleessa Yaaqoobii biraa, isin worra waamantanee, Waaqa Abba'aan jaallatantanee, Yesuus Kiristoosiin tiffantaneef:2marartiin, nageennii fi jaalalli isiniif fakkanu.3Jaallota tiyya! Marroo fayyinna woliin qoodannuu isiniif barreessiisaaf ani guddoo barbaadeeraayyu; amma ammoo marroo dhugeeffannaa yennaa takka'atti yennaa maraaf Waaqi kolbaa ifiitiif kennee, jabaattanee akka falmattanu isin gorsiisaaf barreessuun, barbaachisaa te'ee natti dhage'ameera.4Worri Waaqa hin sodaanne gariin, dhokaataan luuxanee wodhakaa teenna seenaneeran. Isaan worra badhaadha Waaqa keennaa akka fedhane le'iisatti jijjiiranuu fi Yesuus Kiristoos callaan bulcha'aa fi Goottaa akka te'e mormanu. Akka isaanitti muramu yennaa heddu'uun duraa barreeffameera.5Waan kana maraa isin duruu beettan, te'uu malee, akka Goottaan kolbaa ifii biyya Gibxii keessaa baasee fayyissee fi worra isatti hin dhugeeffatinille duuba irra akka balleesse isin yaadachiisu'uuf barbaada.6Akkasuma ergantoota Waaqaa ta baallii isaanii kennante irra dabaranee, addee tee'anu gad lakkisane qaabadha'a! Waaqi wodaroo sibiilaa ta hidhaa bara baraatiin dukkana keessatti hidhee, haga guyyaa muraa guddo'oo isaan eegaa turseera.7Akkasuma worri qachoota Sodoomiitii fi Gomora'aa, worri qachoota adaala saniille sagaagaltuu te'anee, seera dadamaatiinille ala sagaagalane. Isaan worra ibidda bara baraatiin adabamiisaan rakkatuuf fakkeenna te'aneeran.8Akkasuma, worri kun oojjuu ifii hordofiisaan nafa ifii batteessan; baallii Waaqaalle hin tuffatan, worra ol-gubba'atti ulfinna qabulle hin arrassan.9Mikaa'eliin angafi ergantoota Waaqaatuu, yennaa reeffa Muse'ee irratti Seexanaan wol mormane, “Goottaan si xixu” jedhe malee, arrassee itti muriisaaf itti hin gamne.10Namooti kun ammoo waanuma hin hubanne arrassan; akka bineensota wo yaadanee gargar hin baannee, wonni isaan duuddittii yaada dhalootaatiin beekanu kun waan isaan balleessu.11Isaaniif aanne'e! Isaan karaa Qaayiniititti goraneeran; adoo beese'eef joljolanuu dokonkora Bala'aamii keessa galaneeran; akkuma Qoraahii finqilanee badane.12Jarri tun fokkoo malee isin woliin nyaatiisaan jila jaalalaa keessan batteessan. Isaan gadhaa ifii calla'aaf yaadan; isaan akka duumensa bokkeya ifi keessaa hin qannee, ka qilleensaan oofamuu ti. Isaan akka muka yennaa midhaan buusu'uu maletti midhaan buusuu dhabee, hiddaan buqqa'ee gogee killi jedhee ti.13Isaan akka danbalii abbaayaa guddo'oo, hoomacha fokkoo ifii hoomachowaa, akka urjii taattottee ta addeen dukkana duudduu bara baraa isi'ii qophoottee ti.14Namooti kun yennaa mara worra gungumanuu fi worra namoota dhibii komatanu; isaan halchaa badduu ifii hordofan, ifi hin jajan, bu'aa ifiitiif jedhanee kolbaa sobanee saadan.15Jaalota tiyya, isin ammoo dubbii ergantooti Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii tanaan dura dubbatte qaabbadha'a!16Isaan isiniin, “Bara muumme'eetitti worri Waaqa hin sodaanne worri halchaa badduu ifii hordofu, worri shasheessu hin dhufa” jedhaneeran.17Worri kun worra isin gargar qoodu, worra Ayyaana Woyyicha hin qanne, worra duudditii halchaa ifii ta biyya lafaa gula yaa'u.18Jaalota tiyya, isin ammoo dhugeeffannaa teessan ta waan duudi'iin irra woyyittii teete irratti dhaabbadha'aatii jabaadha'a! Hunna Ayyaana Woyyichaatiin daadimadha'a!19Marartiin Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, ta gara jiruu bara baraatitti isin geessitu eeggataa, jaalala Waaqaa keessatti ifi eega'a!20Worra mama qabuuf marartii qabaadha'a!21Worra kaan ibidda keessaa buta'aa baasa'aatii hanbura'a! Worra kaan worra uffanni isaanii foon cubbama'aan battoyelle jibbaa, soda'aan marara'aaf!22Akka isin hin jinne isin tissiisaa fi komatama malee, gammadaan ulfinna ifii dura isin dhikeessiisaaf ka dande'u,23Waaqa fayyisaa keenna tokkochaaf, karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, ulfinni, guddinni, hunnii fi baalliin bara durii mara duraan jalqabee, bara ammaatii fi haga bara baraa isaaf te'u! Ameen.Oromo Guji Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007 Oromo Guji Yuda 1 00:00:00 00:00:00 0.5x 2.0x https://beblia.bible:81/BibleAudio/oromoguji/jude/001.mp3 1 1